Qormaanni kutaa 8ffaa naannolee Hararii fi Gaambeelleetti kennamaa jira

Waxabajjii 26/2015 (TOI) - Qormaanni kutaa 8ffaa naannolee Hararii fi Gaambeelleetti kennamaa akka jiru biiroleen naannoo lamaanii ibsan.

Naannoo Harariitti qormaanni kutaa 8ffaa ganama har’aarraa kaasee kennamaa akka jiru itti aanaan ittigaafatamaa biiroo naannoo Hararii obbo Abiyyi Abbabaa ibsaniiru.

Qormaaticha kan eegalchiisan itti gaafatamaa iti aanaan kun akka jedhanitti qormaatichaaf qophiin barbaachisu taasifamaa tureera.

Naannichatti walumaa gala buufataaleen qorannaa 17 kan qophaa’an yemmuu ta’u, barattoonni kuma 4 fi 600 qoramaa akka jiran dubbataniiru.

Biiroon barnootichaa barattoonni gahumsa akka horatan fi qabxiilee fooyyessuuf xiyyeeffatee hojjechaa turuusaa yaadataniiru.

Keessumaa barattoota kutaa 8ffaa fi 12ffaa qormaataaf gahoomsuuf Sanbataa fi Dilbata dabalatee guyyaa guutuu barumsi keessa deebii kennamaa turuu ibsaniiru.

Haala walfakkaatuun naannoo Gambeellaatti barattoota kuma 22 fi 550’f qormaata naannoo kan kutaa 8ffaa har’a kennamaa akka jiru biiroon barnootaa naannichaa beeksiseera.

Daarektarri olaanaa sirna barnootaa biirichaa obbo Ukunyi Ubuyyaa har’a TOI’f akka ibsanitti, qormaanni kutaa 8ffaa manneen barnootaa naannichatti argaman 205 keessatti kennamaa kennamaa jira..

Barattoota qormaaticha fudhachaa jiran kuma 22 fi 551 keessaa 746 dubartoota ta’uusaanii dabalanii ibsaniiru.

Qormaanni guyyoota sadiif turu kun nagaa fi walirraa hojjechuurraa bilisa gochuuf qaamoleen nageenyaa buufata qorannoo hundatti ramadamuusaanii ibsaniiru.

Komishinii poolisii naannichaatti abbaan adeemsa hojii olaanaayakka ittisaa fi nageenya kabachiisuu Komaandar Tuwool Ukoot gamasaaniin qormaanni kutaa 8ffaa naannichatti kennamaa jiru rakkoo tokko malee akka xumuramu komishinichi xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru.

Komishinichi kaleessarraa kaasee buufataalee qormaataa hundarratti humna poolisii ramaduun eegumsa barbaachisaa taasisaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015