Tamsaasa Kallatti:

Finfinneetti Baratoonni Qormaataa kutaa 8ffaa qoramaa jiru.

Waxabajjii, 26/2015(TOI)- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Baratoonnii qormaata kutaa 8ffaa qoramaa jiru.

Manneen barnoota TOI itti argamee qormaata kennamaa jiru ilaalee keessaa Kutaa magaalaa Eekkaatti kan argama manni barnootaa Maaziyaa 23fi Kutaa magaalaa Addis Katamaatti kan argamuu mannii barnootaa Galiilatti qormaatichi baratootaaf karaa nagaa kennamuu eegaleera.

Mana barnootaa Maaziyaa 23 baratoota idileefi galgalaa barataan walummatti baratoonnii 576 qormaatichaa fudhachaa jiru.

Manni barnooticha yeroo qormaataa rakkoowwaan nama mudaatan kanneen akka rakkoo fayyaa furuuf qophii barbaachisu taasisuu beeksiseera.

Qormaatichi karaa nagaan akka xumuramu biiroon barnootaa magaalichaa qophii qormaataarraa jalqabee adeemsa qormaaticha qoruu hanga xumuramuutti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Bulchiinsa magaalichaatti qormaata kutaa 8ffaa kana buufata 182tti bartootaa kuma 75 fi 100 ta'anitu qorama jedhameera.

Qormaanni har'a baratoonni qoramuu jalqaban kun bor ni xumurama jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015