Liigiin dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa sagantaa tola ooltummaa gannaa boru magaalaa Asoosaatti jalqabsiisa

Waxabajjii 23/2015(TOI) – Liigiin dargaggootaa paartii badhaadhinaa sagantaa tola ooltummaa gannaa kan baranaa dargaggoota miiliyoona saddet ol hirmaachisu boru naannoo Beeniishaangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti akka jalqabsiisu beeksise.

Liigiin dargaggootaa paartii badhaadhinaa sagantaa tola ooltummaa gannaa kan baranaa ilaalchisuun ibsa kenneera.

Ibsa kanaanis dargaggoonni ganna kana biqiltuu miiliyoona 400 dhaabuun sagantaa ashaaraa magariisaatti bal’inaan akka hirmaatu himameera.

Dargaggoonni sagantaa Kanaan hidha haaromsaaf boondii bituun, mana humna dhabeeyyii haaromsuu, dhiiga arjoomuu fi hojiilee walfakkaatanirratti sochii guddaa akka taasisan ibsameera.

Dargaggoonni hojiilee tola ooltummaa gannaa baranaatti hirmaatan kan bardheengaddaa waliin walbiratti yemmuu ilaalamu dabalaa dhufuusaa liigichi beeksiseera.

Kunis dargaggoonni biyyasaaniif yeroosaanii tolaooltummaaf oolchuun badhaadhina Itiyoophiyaan barbaaddu dhugoomsuuf shoora olaanaa akka qabaatu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015