Uummanni Ayyaana Arafaa yeroo kabaju aadaa walgargaarsaa jiru caalaatti cimsuun ta'uu qaba - ENA Afaan Oromoo
Uummanni Ayyaana Arafaa yeroo kabaju aadaa walgargaarsaa jiru caalaatti cimsuun ta'uu qaba

Waxabajjii 21/2015(TOI) - Pirezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadiilii Hasaan Uummanni Ayyaana Arafaa yeroo kabaju aadaa walgargaarsaa jiru caalaatti cimsuun ta'uu qaba jedhan.
Ayyaanni Id Al Adahaaraa waggaa 1444ffaan magaalaa Asoosaa Istaadeemii yaadannoo Ahimad Naasiritti sirnoota amantaa adda addaan kabajameera.
Kabaja ayyaana kanaarratti hordoftoonni amantichaa hedduun hirmaataniiru.
Hordoftoonni amantichaa yeroo ayyaanicha kabajan walkabajuufi wal deeggaruun ta'uu akka qabu Pirezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadiilii Hasan dhaamaniiru.
Tokkummaafi nageenyi uummata naannichaa jabaachaa dhufuu himanii mootummaan naannichaas gaaffii uummataa deebisuuf tattaaffii gochaa jira jedhaniiru.