Sirni ayyaana Soolaat Iid Aladhaa(Arafaa) nagana xumurameera- taaski foorsii waloo nageenyaa

Waxabajjii 21/2015(TOI)- Sirni ayyaana Soolaat Iid Aladhaa(Arafaa) nagana xumuramuusaa taaski foorsiin waloo nageenyaa beeksise.

Sirni Solaataa nagana akka xumuramu kanneen gumaacha taasisan hunda taaski foorsichi galateeffachuusaa odeeffannoon poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni eera.

Ayyaanni Iid Aladhaa (Arafaa) kuma 1 fi 444ffaan Istaadiyeemii magaalaa Finfinneetti sirna kabaja ayyaanichaatiin hordoftoota amantichaatiin kabajamuusaas beeksiseera.

Sirni kun nagana akka xumuramu musliimonni jiraattota magaalichaa waliin ta’uun gumaacha taasisaniif taaski foorsichi galateeffateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015