Dhukkuba maraanmartoo qorichaan yaaluun hin danda'amne yaala fayyaa baqaqsanii hodhuun yaaluuf waliigalteen mallatteeffame. - ENA Afaan Oromoo
Dhukkuba maraanmartoo qorichaan yaaluun hin danda'amne yaala fayyaa baqaqsanii hodhuun yaaluuf waliigalteen mallatteeffame.

Waxabajjii 13/2015(TOI) - Dhukkuba Maraanmartoo qorichaan yaaluun hin danda'amne yaala fayyaa baqaqsanii hodhuun yaaluuf waliigalteen mallatteeffame.
Yaala fayyaa kana leenjii waliin jalqabisiisuuf dhaabbanni fayyaa biyya Israa'elitti argamu 'Infaa' jedhamu Ministeera fayyaa, Hospitaala Jeneraala Itiyoo - Istaanbuulfi Hospitaal 'Xuqur Ambaassaa' waliin waliigaltee mallattessera.
Yaala fayyaa kana ariitiin jalqabsiisuuf Ministeerri fayyaa dhaabba Israa'een Infaa fi Hospitaala jeneraalaa Itiyoo- Istaanbuul waliin qindoominaan kan hojjetu ta'uu Ministirri Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaa himaniiru.
Yaalli fayyaa kun jalqabuun isaa biyya keenya damee yaala fayyaa Niwuroomooduleeshiinii tarkaanfii tokko gara fuula duraatti buta jedhaniiru.
Ministeerri fayyaa damee kanarratti ogeeyyii fayyaa leenjisuufi qorannoof Yuunivarsiitii Finfinneetti Koolleejjii fayyaafi Saayinsii waliin qindoominaan akka hojjetu Dr. Liyaan himaniiru.
Ifaan yeroo ammaa kana yaala fayyaa kana biyya Israa'elitti kennaa kan jiru yoo ta'u hanga ammaattis yaala fayyaa baqaqsanii hodhuu milkaa'a ta'e hedduu kennuu bakka bu'aan dhaabbatichaa doktar Milaa'eel Livii himaniiru.
Yaalli fayyaa kun Itoophiyaatti yeroo jalqabamuu namoota umuriin isaanii waggaa 5 hanga waggaa 60tti jiruuf kan kennamu ta'uu himaniiru.
Itoophiyatti dhukkubsatoota dhukkuba maraanmartoo dhukkubsatan keessaa hark 70 kan ta'an dhukkuba maraanmartoo qorichaan fayyuu hin dandeenye kan dhukkubsatan ta'uusan yaalli fayyaa baqaqsanii hodhuu isaan barbaachisa jedhaniiru.
Yaalli fayyaa kun sadarkaa idil addunyaatti bakkeewwan muraasatti kan kennamu yoo ta'u Yaalli fayyaa kun yeroo Itoophiyatti jalqabu Afrikaatti isaa jalqabaa waan ta'eef jiddugala yaala fayyaa kanaa ta'uus kan danda'u ta'uu Dhaabbata Infaa jedhamutti ogeessaa Newurooloojikaal kan ta'an Dr. Jehuudaa Sepikaaritii himaniiru.
Dhaabbanni isaaniis hojii kana milkeesuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hundaa waliin qindoominaan kan hojjetu ta'uu himaniiru.
Itoophiyaatti yaala fayyaa kana bara dhufu ji'a Amajjii keessa jalqabuuf karoorfameera.