Balbala nagaa hundaaf banaa gochuun nageenyii fooyyee qabu biyyattii keessatti argamaa jiruuf bu'uura ta'eera

362

Waxabajjii 3/2015 (TOI):- Balbala nagaa hundaaf banaa gochuun nageenyii fooyyee qabu biyyattii keessatti argamaa  jiruuf  bu'uura ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
 
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu Dhimmoota yeroo adda addaa biyyaalessaa irratti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniiru.
 
Ibsa kennaniin dirqamni mootummaa inni jalqabaa olaantummaa seeraa diriirsuu fi biyyatiitti nageenya waaraa mirkaneessudha.
 
 Ministirichi nageenyi bu'uura waan hundaa ta'uu ibsanii, walitti bu’iinsii fi waraanni nageenyaa fi bilisummaa lammiilee balaaf kan saaxilu ta'uu ibsaniiru.
 
Nagaa malee badhaadhinni mirkanaa'uu akka hin jirre himanii, Itoophiyaan Afriikaanotaaf mallattoo badhaadhina akka taatu hojjetamaa jira jedhaniiru.
  
Humnoota hundaaf balbala nagaa banuun haalli  nageenyaa kan kanaan duraa caalaa fooyyee qabu akka mul'atuuf bu'uura ta'eera jedhaniiru.
 
Walitti bu'insi kaabaa bayyatti ture akkaataa waliigaltee Piritooriyaa fi Naayiroobiin milkaa’inaan hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Hidhattoonni naannoo Benishaangul Gumuz fi Gaambeellaa balbala nagaa banametti fayyadamuu isaanii  naannoleen kunneen  naannoo tasgabbaa’aa fi nageenya fooyyee qaban ta’uu ibsaniiru.
 
Tattaaffiin nagaa Shanee waliin nageenya buusuuf taasofamaa jirus itti fufa jedhaniiru.

Yeroo ammaa naannoon Amaaraa nagaa ta'uu himanii, kanneen al-seerummaa keessa jiran harki caalaan isaanii hojii idilee isaaniitti deebi’aniiru jedhaniiru.
 
Irra caalaan isaanii jaarsolii, hawaasaa fi ofii waliin marii taasisuun gara jireenya isaanii duriitti akka deebi'an hayyamameef jedhaniiru.
   
 Kanneen hin deebine irratti mootummaan tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta'e fudhachuu isaa hubachiisaniiru.  Kunis cimee itti fufa jedhaniiru.
 
 Marii naannoo Amaaraatti gaggeeffamaa jiru keessattis nagaa fi tasgabbiin akka olaantummaa qabu hubachiisaniiru.
 
 Har’as humnoonni keessoo fi alaa Itoophiyaa keessatti nageenyi akka hin jiraanne barbaadan  akka jiran hubachiisaniiru.  Hojiin dhaabbata nagaa fi nageenyaa cimaa ijaaruu itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015