Gammoojjummaa ittisuuf tumsa Idil addunyaa barbaachisa-Doktar Indiriyaas Geetaa

Waxabajjii 03/2015(TOI)- Gammoojjummaa ittisuuf tumsi idil addunyaa barbaachisaa ta’uu de’eetaan ministiraa jallisii fi naannawa Gammoojjii doktar Indiriyaas Geetaa ibsan.

Yaa’iin idil addunyaa sadaffaa guyyaa gammoojjummaa ittisuu 29ffaa sababeeffachuun qophaa’e kaleessa Chaayinaatti jalqabameera.

Yaa’iin kun walta’iinsa akkaadaamii saayinsii Chaayinaa fi akkaadaamichatti  inistiitiyuutii ikoloojii fi Ji’oogiraafii Shiinjiyaangiin kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Jilli de’eetaa ministiraa jallisii fi naannawa gammoojjii doktar Indiriyaas Geetaan durfamu yaa’ii kanarratti hirmaachaa jira.

De’eetaan ministiraa kun baniinsa yaa’ii kanarratti haasawa taasisaniin gammoojjummaa ittisuuf tumsa idil addunyaa barbaachisa jedhan.

Doktar Indiriyaas Itiyoophiyaatti naannawoota gammoojjiitti gammoojjummaa ittisuuf hojiilee hojjetamaa jiran muuxannoof yaa’ii kanarratti dhiheessaniiru.

Fooramii kana cinaatti ministeerri jallisii fi naannawa gammoojjii akkaadaamii Chaayinaa fi inistiitiyuutii Ikooloojii fi Ji’oogiraafii Shiinjiyaang sanada waliigaltee Itiyoophiyaatti gammoojjummaa ittisuuf dandeessisu akka mallatteessan ibsameera.

Doktar Indiriyaas hooggantoota jiddugaleessa qorannoo waloo Siinoo Afriikaa waliin haalot hariiroo Itiyoophiyaa fi Chaayinaa jidduu jiru cimsuun danda’amurratti nimari’atu jedhameetu eegama.

Biyyoonni addaddaa fooramii idiladdunyaa kanarratti muuxannoosaanii gammoojjummaa ittisuuf qaban akka dhiheessan ministeerri jallisii fi naannawa gammoojjii odeeffannoo fuula marsariitiisaarratti baaseen hubachiiseera.

Kana malees ogeessonni biyyoota addaddaa, qorattoonnii fi jilli kunneen Chaayinaan gammoojjummaa ittisuuf Gammoojjii “Takilmakan”tti hojii raawwachaa jirtu akka daawwatan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015