Milkaa’inoota sagantaa Ashaaraa magariisaa Jalqabaatiin argaman boqonnaa lammaffaatiin dabaluun nibarbaachisa-Tajaaila komunikeeshinii mootummaa

256

Waxabajjii 03/2015(TOI)- Milkaa’inoota sagantaa Ashaaraa magariisaa Jalqabaatiin argaman boqonnaa lammaffaatiin dabaluuf tumsi taasifamaa akka jiru Tajaaila komunikeeshinii mootummaa beeksise.

Baatiiwwan ganna kanaatti dhaabbilee baruu fi barsiisuuf mijeessuuf akka hojjetamu tajaajilli kun ibseera.

Ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu haala yeroo ilaalchisuun dhimmoota addaddaarratti ibsa gaazexessummaa kennaniiru.

Ibsa kanaanis milkaa’inoota sagantaa ashaaraa magariisaatiin boqonnaa tokkoffaatiin argame boqonnaa lammaffaatti dabaluun nibarbaachisa jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 ol dhaabamuusaanii ibsanii, sagantaa boqonnaa lammaffaa waggoota sadiif hojeeffamuuf biqiltuuwwan biiliyoona 25 karoorfamuu ibsaniiru.

Milkaa’ina kanaaf uummanni tumsa boqonnaa jalqabaarratti taasise dabaluu qaba jedhaniiru.

Haala walqabateen baatii gannaatti dhaabbilee barnootaa baruu fi bariisuuf mijeessuuf akka hojjetamus ibsaniiru.

Sosochiin kun dhiheenyatti akka ifoomu eeranii, milkaa’ina sosochii kanaaf qooda fudhattoonni hundi tumsuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

Qonni gannaa baatiiwwan itti aanan adeemsifamaniin maasaan akka lafa hinbaane hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Magaalaaleettis qonna magaalaa babal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti mta duree “egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun naannoo Affaariti jalqabamuunsaa nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015