Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuuriizimii 11ffaa magaalaa Jiinkaatti adeemsifamaa jira

553

Waxabajjii 03/2015(TOI)- Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuuriizimii kan waggaa 11ffaa walta’iinsa Inistiitiyuutii leenjii tuurizimii fii Yunivarsiitii Jiinkaan qophaa’e magaalaa Jiinkaatti adeemsifamaa jira.

Yaa’iin qorannoo fi qu’annoo tuurizimii kan waggaa mata duree “hundagaleessummaa fi misoomni tuuriizimii egeree carraa hojii uumuuf” jedhuun adeemsifamaa jira.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii leenjii tuurizimii obbo Geetaachoo Nagaash akka dubbatanitti, Inistiitiyuutichi hawaasa tuuriizimii fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jira.

Qabeenya dilbii damee tuurizimiin jiru faayidaarra oolchuuf leenjii ogummaa qulqullina qabu kennuun akka barbaachisu ibsaniiru.

''Dameen hoteelaa fi tuurizimii hmna namaa leenji’ee fi ga’oome barbaada”kan jedhan daarektarri olaanaan kun, humna namaa leenjiin ga’oomsuu fi teeknooloojiin deeggaruun damee kana guddisuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jiinkaa doktar Kushee Guddishee gamasaaniin Yuunivarsiitichi aadaa heddummeessaa fi damee tuuriizimii akka jiddugaleessa ga’umsa tokkootti fudhachuun hojjechaarra jira jedhaniiru.

Bu’aaleen qorannoo fi qu’annoo yaa’ii kanarratti dhihaatan yuunivarsiiticha hojiiwwan damee tuurizimiin raawwataman akka deeggaru dubbataniiru.

Leenjicharratti mata dureewwan “carraalee fi qormaatilee damee tuurizimiin jiran” akkasumas “leenjiin ogummaa guddina tuurizimii egereef” jedhurratti mariin nitaasifama.

Raawwachiiftonni federaalaa fi naannoo damichaa qooda fudhattoonni, dhaabbileen hoteelaa fi tuurizimii,  dhaabbileen barnootaa fi leenjii fi bakka bu’oonni waldaalee ogummaa yaa’ii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015