Rippaabiliikiin Kooriyaa pirojektii damee oomisha kophee guddisuuf kaayyeffateef deeggarsa doolaara miiliyoona 10 taasisuufi

169

Waxabajjii 03/2015(TOI)-Rippaabiliikiin Kooriyaa pirojektii damee oomisha kophee guddisuuf kaayyeffateef deeggarsa doolaara miiliyoona 10 akka taasiftu beeksifteetti.


Pirojektiin kun magaalaa Buusaan meetroopooliitaanitti ifoomeera.

Pirojektiin karaa jiddugaleessa beeksisaa industirii kophee ‘ejensii Buusaan ikonoomiik ‘ hojiirra oolu kun damee oomisha kopheetiin  dandeettii Itiyoophiyaa gabbisuurratti kan xiyyeeffate ta’uusaa ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Pirojektichi akka lakkoofsa Awurooppaarraa bara 2023 amma 2027tti kan hojeeffamu yemmuu ta’u, oomishtoota kopheef deeggarsaa fi leenjii kennuun industiriin gogaa fi bu’aalee gogaa Itiyoophiyaa keessatti keessumaa dandeettii dorgomuu industiriin kophee dabaluuf akka kaayyeffate ibseera.

Ejensiin misoomaa idil addunyaa Kooriyaa (Kooykaa) baasii pirojekticha raawwachiisuuf barbaachisu doolaara miiliyoona 10 akka danda’u ibsameera.

Rippaabiliika Kooriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee michooma seena qabeessa biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf qaban kaasaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii gama siyaasaa fi dinagdeen cimuu akka danda’u ibsanii, pirojektichi oomishtummaa oomishtoota kophee Itiyoophiyaa guddisuuf murteessaa ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaan humna namaa dargaggoo fi qabeenya namaa waan qabduuf industirii gogaa fi bu’aalee gogaatiin invastimantii biyya alaa hawachuuf akka dandeessu dubbataniiru.

Ambaasaaddar Daseen ‘ejensiin ikonoomiikii Buusaan’ fi magaalaa Buusaan meetiroopooliitaaii pirojektichi akka dhugoomu deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

Sagantaa ifoomsuu ijaarsa pirojektii gabbisa dandettii  cinaatti embaasii Itiyoophiyaa rippaabiliika Kooriyaatti argamuu fi jiddu galessi beeksisaa industirii kophee ejensii piroomooshinii ikonoomiikii ‘Buusaa’ sanada waliigaltee gamtoomina biyyoota lamaanii cimsuu danda’u waliimallatteessaniiru.

Kana malees ambaasaaddar Dasee Daalkee warshaalee kophee magaalaa Buusaanitti argaman akkasumas hojjetanii agarsiisuu fi bakka leenjii jiddugaleessa kopheen itti beeksifamu daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015