Waltajjiin maree waloon seera baaftotaa biyyaalessaa magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jira

246

Waxabajjii 03/2015(TOI)- የWaltajjiin maree waloon seera baaftotaa biyyaalessaa magaalaa Jigjigaatti adeemsifamaa jira.

Waltajjiin kun hariiroo mootummoota federaalaa fi naannoo, akkasumas walitti dhufeenya naannolee jidduu jiru ittifufsiisuuf, amantaa lammiileen dhaabbilee haqaarratti qaban fooyyessuun kan kaayyeffatedha.

Akkasumas sanadoonni haala jijjiiramaa manneen murtee federaalaa, hariiroon federaalaa fi naannolee cimsuuf qaamoleen seera baaftotaa walitti dhihaatanii hojjechuu dandeessisan dhihaatanii mariin nitaasifama.

Waltajjichi mootummoota federaalaa fi naannoo, akkasumas ciminootaa naannolee jidduu jiran ittifufsiisuu fi gufuulee amma ammaatti mudatan akkasumas fuuldura mudachuu danda’an furuuf nigargaara.

 Waltajjiin maree kun nageenya waaraa mirkaneessuuf, misoomaa fi bulchiinsa gaarii itti fufsiisuu fi gaaffilee ummataa deebisuuf nigargaara.

Itiyoophiyaatti nageenya waaraa fiduuf, sirna demokiraasii wabii qabu mirkaneessuuf, misooma dinagdee fi hawaasummaa si’ataa itti fufsiisuuf faayidaan waltajjichaa olaanaa akka ta’u ni’eegama jedhameera.

Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo dabalatee af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, pirezidaantiin mana murtee waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat, mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waaamamaa mootummaa Tasfaayee Baljigee, Ministirri haqaa doktar Geediyoon Ximootiyoos, af-yaa’onni manneen maree federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa lameenii waltajjii kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015