Dubartoonni nagaa fi nageenya ilaalchisuun qormaata isaan mudatu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa fudhatamuu hin qabu-Pirezidaant Saahilawarq Zawudee

231

Waxabajjii 03/2015(TOI)- Dubartoonni nagaa fi nageenya ilaalchisuun qormaata isaan mudatu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa fudhatamuu hin qabu jedhan Pirezidaant Saahilawarq Zawudee.

Yaa’iin waggaa dhaabbata dubartoota hooggantoota siyaasaa 10ffaa fi paarlaamaa gamtaa Awurooppaa fi pa
arlaamaa federaalaa Beeljiyeem mata duree “Bakka bu’ummaan murteessaadha” jedhuun waloon taasifameera.

 Pirezidaantiin RDFI Saahilawarq Zawudee jalbultii yaa’ii mata duree “bakka bu’ummaan murteessaadha” jedhuun jalqabamerratti haasawa baniinsaa taasisaniiru.

Haasanasaaniitiin gufuuleen nagaa fi nageenya ilaalchisuun isaan mudatu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa fudhatamuu akka hinqabne dubbataniiru.

Pirezidaanti Saahilawarq Zawudee yaa’ii kanarratti beekamtiin “dubartii dursituu” kennameeraaf.

Beekamtiin kun Pirezidaanti Saahilawarq Zawudeef kan kennameef yaa’ii waggaa dhaabbata dubartoota gaggeessitoonni siyaasaa paarlaamaa biyyoota heddii irratti hirmaatan Beeljiyeemitti adeemsifamerratti dha.

Beekamtiin kun Itiyoophiyaatti pirezidaantii dubartii kan jalqabaa ta’uun filatamuusaanii dabalatee Kanaan duras dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti hojiiwwan addaddaan itti gaafatamummaa qabaii fi qooda gaggeessummaa olaanaa qabaniin dursituu ta’uusaaniitiin akka ta’e ibsameera.

Pirezidaanti Saahilawarq Zawudee haasawa taasisaniin “badhaafni kun dubartoota cimoo, dahannoo keessa kan jiraniif, waldhaansarra osoo jiranii barachuuf hwwii akka qaban kan isaanitti himan, qofaasaanii maatii bulcuuf ittigaafatamni kan irratti dhiifamee fi dubartoota biyya koo kennaa qaban abdii nuukennaniif naaf haata’u” jedhaniiru.

Dubartoonni nagaa fi nageenya ilaalchisee gufuu isaan mudatuu fi bakka bu’ummaan dubartootaa lakkoofsaan qofa ilaalamuu akka hinqabne  dubbachuusaanii odeeffannoon waajjira pirezidaantiirraa argame nimul’isa.

Yaa’ii baranaa kan keessummeessite Noorweey yeroo ammaa af-yaa’iiwwan dubartootaan durfamu manneen maree lama qabdi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015