Siimpooziyeemiin Bishaanii idil addunyaa 21ffaan Yuunivarsiitii Arbaamiincitti adeemsifamaa jira

162

Waxabajjii 02/2015 (TOI- Siimpooziyeemiin Bishaanii idil addunyaa 21ffaan Yuunivarsiitii Arbaamiincitti adeemsifamaa jira.

Siimppziyeemiin kun mata duree”misooma qabeenya bishaanii egeree mirkaneessuu” jedhuun adeemsifamaa akka jiru beekameera.

Daarektarri saayintifiikii inistiitiyuutii teeknooloojii bishaanii Yunivarsiitii Arbaaminci doktar Boggaalaa Gabramaariyam  TOI’f akka beeksisanitti, sadarkaa idil addunyaatti  argannoowwan itti fayyadama bishaanii haaraa fi hudhaalee ilaalchisee waraqaawwan qorannoo 24 siimpooziyeemii kanarratti nidhihaatu.

Siimpooziyeemii kunis guyyoota lamaaf akka turu beekameera.

Itti fayyadama bishaanii ilaalchisuun hayyuuleen damee kanaa muuxannoo waljijjiiruun misooma bishaanii egereef qoodasaanii bahuuf isaan dandeessisa jedhaniiru.

De’eetaa ministiraa bishaanii fi Inarjii ambaasaaddar doktar Asfaawu Dingaamoo dabalatee hojiiwwan bishaanii Kibbaa, aanga’oota beeziinii  sululaa fi hooggantoota inistiitiyuutii meetirooloojii Itiyoophiyaarraa siimpooziyeemii kanarratti hirmaachaa jiru.

Kana malees hayyuulee fi qorattoonni ardiiwwan Afriikaa, Awurooppaa, Ameerikaa fi Isiyaarraa dhufan hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015