Baatiiwwan 10 bara bajataa kanatti Itiyoophiyaan gurgurtaa humna elektiriikiirraa doolaara miiliyoona 83 ol argatte

151

Waxabajjii 02/2015(TOI)- Baatiiwwan 10 bara bajataa 2015tti Itiyoophiyaan gurgurtaa humna elektiriikiirraa biyyoota ollaaf dhiheessiterraa galii doolaara miiliyoona 83 ol argachuushee humni elektiriikii Itiyoophiyaa beeksise.

Daarektarri komunikeeshinii dhaabbatichaa obbo Mogos Mokonnin TOI’f akka ibsanitti, baatiiwwan 10 bara batataa kanatti anniisaa maddisiifame keessaa giigaa waattii kuma 12 fi 126 gurguruun karoorasaa dhibbantaa 85 milkeesseera.

Yeroo walfakkaataa bara darbeen walbira qabamee yemmuu ilaalamu dhibbantaa 26 dabalata akka qabu eeraniiru.

Humna elektiriikii yeroo jedhametti humna ibsaa biyyoota ollaatti gurguramerraa doolaarri miiliyoona 80 ol argamuusaa dubbataniiru.

Humni elektiriikii Jibutii, Keeniyaa fi Sudaanitti gurguramuussaa obbo Mogos dubbataniiru.

Kanaan walqabatee baatii 10 bara bajataa kanatti gurgurtaa anniisaa biyya keessaarraa galiin birrii biiliyoona 14 ol argamuusaa eeranii, bara bajataa kanatti walumaa gala birrii biiliyoona 20 tuqaa 6 argachuuf karoorfamuusaa dubbataniiru.

Itiyoophiyaan Jibutii fi Sudaaniin alatti Sadaasa bara 2015 irraa kaasee Keeniyaaf humna elektiriikii gurguruu eegaluunshee niyaadatama.

Gurgurtaan humna elektiriikii kun qaama karoora Itiyoophiyaan zoonicha dinagdeen walitti fiduu akka ta’e nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015