Biyya fooyyee qabdu dhaloota dhufu dhaalchisuuf dhaloonni ammaa cimee hojjechuu qaba

402

Waxabajji 02/2015(TOI)- Biyya gama hundaan fooyyee qabdu dhaloota dhufu dhaalchiisuuf dhaloonni ammaa qorataawwaniifi carraawwan jiranitti fayyadamuun cimee hojjechuu qaba jedhame.

Mariin Gumii Balal 32ffaan waajjira Pirezidaantii naannoo Oromiyaatti mata duree 'Jechaafi Gocha dhaloota hanga dhalootaatti'' jedhuun geggeeffameera.

Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaa obbo Hayiluu Addunyaa eenyummaafi maalummaa dhaloota tokko kan murteessan yeroo dhaloota isaa keessaatti qormaatawwaniifi carraawwan gaarii jiran fayyadamuun haala ittiin ce'uu yaalanidha jedhaniiru.

Obbo Hayiluun akka himanitti biyyi wal harkaa fuudhinsa dhalootaan kan ijaaramtu yoo ta'u, biyya fooyyee qabdu dhaloota dhufu dhaalchisuun kan danda'amu dhaloonni ammaa rakkoowwaniifi carraawwan jiran fayyadamuun cimee yoo hojjetedha jedhaniiru.

Waltajjii marichaa dursaa kan turan Ministirri deetaa ministeera Jallisiifi naannawwaa gammoojjii doktar Biraanuu Leenjisoo gama isaaniin duudhaa hawaasaa guddaa ijaaruuf ka'umsi waadaa namni ofii isaaf galudha jedhaniiru.

Dhaloonnis jecha isaarratti hundaa'uun ijaarsa biyyaa kan raawwatu ta'uu eeraniiru.

Maricharratti waraqaa yaada ka'uumsaa kan dhiheessan Barsiisaafi qorataan Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobee doktar Yooseef Beekoo waadaan afaaniin galamee yoo gara gochaan hin agarsiifamu ta'e akka waadaa diigameetti ilaalama jedhaniiru.

Waadaafi gochii akka cancalaatti walitti hidhamanii kan umamaniidha kan jedhan doktar Yooseef, dhaloonniis isa darbe,isa jiruufi isa itti aanuu waliin walitti kan hidhamedha jedhaniiru.

Kanaaf dhaloonni ida'amuus bu'aa gaarii isa darberraa akka galaatti fudhachuun dhaloonni dhufu immoo waadaa isaa gara fooyyee qabuutti jijjiruu qaba jedhaniiru.

Baratoota marii kanarratti hirmaatan keessaa Mana barnootaa Bultii sadarkaa laffaa Amboorra barattuu Tsihoon Humneessaa yaada kenniteen ''Nun dhaloonni ida'amuu kan jechaa qofaa osoo hin taane dhaloota gochaa ta'uu keenya jabaannee hojjennee ni mirkaneessina' jeteetti.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad kitaaba isaanii Dhaloota Ida'uurratti dhaloonni tokko qoramaatawwaniifi carraawwan jiran fayyadamuun cu'uuf tattaaffii dhaloonni taasisuu jiddugala godhachuun waltajjii kanarratti dhihaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015