Kitaabonni Ida’amuu ministirri muummee barreessan yaadota Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf dandeessisan kan qabatanidha-Artiist Dabbabaa Isheetuu

Waxabajjii 2/2015(TOI)- Kitaabonni Ida’amuu ministirri muummee barreessan sadan yaadota Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf dandeessisan kan qabatan ta’uu Artiist Dabbabaa Isheetuu ibsan.

Waltajjiin maree tajaajilli oduu Itiyoophiyaa mata duree “imala Ida’amuu” jedhuun qopheesse magaalaa Bishooftuutti adeemsifamaa jira.

Hooggantoonni mootummaa, ogeessonni miidiyaa fi qaamoleen biroon maree kanarratti hirmaataniiru.

Carraaleen gaariin yaanni ida’amuu fidee dhufe, gufuulee adeemsa keessatti mudachaa jiranii fi dhimmoonni furmaata agarsiisan irratti mariin taasifameera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa obbo Seeyfee Darribee wayita kana akka jedhanitti, ministirri muummee Abiyyi Ahimad kitaabota yaadota faayidaa ida’amuu agarsiisan sadii ofkeessaa qaban dhiheessuusaanii ibsaniiru.

Aadaa hojii gabbisuu fi gufuuwwan adeemsa keessa mudatan furmaata barbaaduuf taadota agarsiisan walii qooduun kaayyoo maree kanaa ta’uun hubachiisaniiru.

Yaanni ida’amuu kan dhaabatu osoo hinta’iin adeemsa itti fufu akka ta’es dubbataniiru.

Waltajjii kanarratti kan hirmaate aartistiin gameessi Dabbabaa Isheetuu imalaa fi muuxannoo bara darbee fi dhaloota ammaa dhiheessaniiru.

Jibbiinsaa duuchaa fi qeeqa hinmallerraa fagaachuun kitaabota dubbisuu fi sirriitti hubachuun nibarbaachisa jdhaniiru.

Kitaabonni ida’amuu ministira muummee Abiyyi Ahimad sadan carraa Itiyoophiyaa fuulduraa murteessuuf bu’uura kan kaa’an ta’uu dubbataniiru.

Guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf aadaa hojii fooyyessuun dirree misoomaa bu’a qabeessa uumuun akka barbaachisu  maree Kanaan ibsameera.

Lammiin hundi hojiisaarratti carraaqqii fi kaka’umsa horachuun qabeenya Itityoophiyaan qabdu misoomsuun itti fayyadamuun guddinaa fi badhaadhinashee  itti fufsiisuun akka barbaachisu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015