Yaada Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan jalqabamee Sagantaan ashaaraa magariisaan milkaa'inni guddaan argameera. - ENA Afaan Oromoo
Yaada Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan jalqabamee Sagantaan ashaaraa magariisaan milkaa'inni guddaan argameera.

Waxabajjii 2/2015 (TOI):- Yaada Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan jalqabamee Sagantaan ashaaraa magariisaan milkaa'inni guddaan argamuu Ministiroonni himan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kaleessa Sagantaa ashaaraa Magariisaa marsaa lammaffaa naannoo Affaaritti mata duree "Boru har'a haa dhaabnu" jedhuun eegalchiisaniiru.
Hoggantoonni naannolee, ministiroonni fi qondaaltonni mootummaa olaanoo biroon sagantaa kana irratti argamaniiru.
Ministiroonni saganticharratti hirmaatan akka himaniitti, sagantaa ashaaraa Magariisaan hojiin hanga ammaatti hojjetameen milkaa'inni guddaan irraa argameera.
Hogganaan Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Kaabinee Obbo Alamtsahaay Paawuloos sirna kanarratti argamuun akka himaniitti, sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa jalqabaan biltuun biliyoona 25 ol dhaabamaniiru.
Hojii kanarraa bu'aan guddaan argamuu himaniiru.
Marsaan lammaffaan sagantaa kanaa "Har'a boru haa dhaabnu" mata duree jedhuun kan eegalee yoo ta'u, dhaloota boriif ashaaraa guddaa kan ittiin keenyu ta'a jedhaniiru.
Biyya itti fufiinsan, oomishtummaa qabduu fi jijjiirama qilleensaaf hin saaxilamne dhaloota dhufuutti dabarsinee kennuuf sagantaan kun qooda guddaa qaba jedhaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa irra caalaa biqiltuu nyaatamuu danda’u irratti kan xiyyeeffate ta’uus himaniiru.
Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa gama isaaniin Sagantaan ashaaraa Magariisaa marsaa jalqabaa milkaa’inaan hojiirra ooluu isaa ibsaniiru.
Sagantaa kanarraa haala hojii fi muuxannoo hedduun horatamuu himanii, hojiin kun lammiilee Itoophiyaa bal’inaan sochoose ta’uus yaadachiisaniiru.
Qabeenyi bishaanii yeroo biqiltuun dhaabamu kan kan jiru ta'uu himanii, gama kanaan sagantichi gumaacha guddaa akka qabus eeraniiru.
Itti dabaluunis gara fuula duraatti xiyyeeffannoon naannawwaa sulula lageeniitti kennamee kan hojjetamu ta'uu himaniiru.
Ministirri Jallisii fi naannaawwaa gammoojjii Injinar Aayishaa Mohaammad Ioophiyaan hojii misooma magariisaan aadda duree ta'aa jirti jedhaniiru.
Hojiileen kaka’umsa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin hojjetamaa jiran jijjiirama qilleensaa addunyaa ittisuuf kan gargaaran ta’uus ibsaniiru.
Sagantaan kun tokkummaa hawaasummaa fiduu fi guddina diinagdee kan saffisiisu ta’uu hubachuun hunduu milkaa’ina isaaf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxee Mollaan hojiin sagantaa ashaaraa magariisaan marsaa jalqabaan hojjetame bu’aa gaarii agarsiiseera jedhan.
Biqiltuu dhaabuu qofaa osoo hin taane kanneen dhabaman akka guddtan hordofiin godhamuu qaba jedhanii ministeerichis sooftiweerii kanaaf gargaaru qopheessuu himaniiru.