Bu’aalee gurguddoo sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaan argame dabaluuf kutannoon nihojjetama- Pirezidaantota naannolee

Waxabajjii 02/2015 (TOI) - Bu’aalee gurguddoo sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaan argame boqonnaa lammaffaan dabaluuf keessumaa qonna walmakaan kutannoon akka hojjetamu Pirezidaantonni naannolee dubbatan.

Pirezidaantonni naannolee sagantaa jalqabsiisa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaarratti argamanii ashaaraasaanii kaa’an yaada kennaniin ashaaraa magariisaa baranaaf naannolee hundatti qophiin taasifameera jedhan.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa milkaa’inoota boqonnaa jalqabaan argaman dabaluuf qophiin barbaachisu hundi taasifamuusaa eeraniiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiin naannoon Oromiyaa sirna bosonaa, Bunaa fi fuduraa ykn qonna walmakaa hordofuun akka misoomsu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan naannichatti dhaabaman waliigalaa keessaa biiliyoonni 1 fi tuqaa 3 Buna, miiliyoonni 50 ammoo fuduraawwan dhaabuun dursee jalqabamuu mirkaneessaniiru.

Pirezidaantiin nannoo Beeniishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan gamasaaniin boqonnaa jalqabaatiin karooraa ola raawwatamuunsaa bu’aawwan hedduu fiduusaa dubbataniiru.

Naannichi biqiltuuwwan jijjiirama haala qilleensaa damdamatan qofaa osoo hinta’iin biqiltuuwwan wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisan dhaabuuf haaldureen xumurameera jedhan.

Biqiltuuwwan wayitii ganna jalqabametti dhaabamaniin ala biqiltuuwwan waggaa dhufu dhaabaman akka qopheeffamanis pirezidaantiin kun ibsaniiru.

Hawaasni sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu aadaa  godhachuusaa ibsnii, fuuldura keessumaa hojiiwwan misooma magariisaa qonna walmakaa xiyyeeffannoo keessa galchan cimanii akka itti fufan dubbataniiru.

Pirezidaantiin yeroo bulchiinsa naannoo Tigraay obbo Geetaachoo Raddaa gamasaaniin, naannoon Tigraay hojiiwwan eegumsa naannoon fakkeenya kan ture yaadatanii, haata’u malee hojiin eegumsa naannoo waraanaan miidhamuusaa kaasaniiru.

Hojii eegumsa qabeenya naannoo gufate bakka buusuuf sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaan bal’inaan raawwachuuf haaldureen taasifamuusaa dubbataniiru.

Haala walfakkaatuun pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii, biqiltuuwwan nyaataaf oolanirratti xiyyeeffachuun kutannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Pirezidaantonni naannoo boqonnaan lammaffaa ashaaraa magariisaa naannoo Affaaritti wayita jalqabametti misoomni fuduraa yeroo gabaabaatti nannichatti guddina fide, humna kuusaa Itiyoophiyaan qabdu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.

Haala Kanaan iddoowwan gammoojjiitti kutannoon hooggansaa yoo itti dabalame dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuu qofa osoo hinta’iin wabii nyaataa mirkaneessuun akka danda’amu agarsiiftuu akka ta’e eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015