Namoota seeraan ala deddeebisuu ittisuu fi hambisuuf yaaliin taasifamu cimee itti fufeera-Ministeera dhimmoota dubartootaa fi hawaasummaa

396

Waxabajjii 2/2015(TOI)- Namoota seeraan ala deddeebisuu ittisuu fi hambisuuf yaaliin qooda fudhattoota waliin qindaa’uun taasifamu cimee itti fufuusaa Ministeera dhimmoota dubartootaa fi hawaasummaaibse

Mariin idil addunyaa mata duree “ hirmaannaa hawaasaa cimaadhaan namoota seeraan ala deddeebisuu waliin haa ittifnu” jedhuun Dirreedawaatti adeemsifamaa jira.

Ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaatti hojii raawwachiisaan quunnamtii ummataa fi komunikeeshinii obbo Darajjee Taayyee TOItti akka himanitti, mariin kun hojii qindaa’aa godaansa seeraan alaa ittisuuf sadarkaa biyyaatti jalqabame caalaatti cimsuufidha.

Carraan hojii biyya keessa osoo jiruulammiileen hojii barbaacha imala seeraan alaa filachuun rakkoolee hawaasummaa fi namoomaa hammaataaf saaxilamaa jiru jedhaniiru.

Ministeerichi yaalii rakkoo kana ittisuu fi hambisuuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin lammiileen gocha kana akka jibbanii fi carraalee hojii filmaataatti akka fayyadaman taasifamu cimee itti fufuu ibsaniiru.

Qaamolee fi gareeleen namoota seeraan ala deddeebisuurratti hirmaatan karaa qindaa’een walitti hidhiinsasaanii kutuun seeratti dhiheessuuf dhaabbilee haqaa waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Ministirri dubartootaa fi dhimmoota hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee, kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirreedawaa Kadir Juhaar dabalatee hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee akkasumas bulchitoonni magaalaa, hooggantoonni mootummaa olaanoon, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa dargaggoonnii fi dubartoonni maree kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015