Diinagdeen Itoophiyaa bara baajataa 2016tti dhibeentaa 7.9 guddata jedhamee eegama

267

Waxabajjii 1/2015 (TOI):- Dinagdeen Itoophiyaa bara baajataa 2016tti dhibbeentaa 7.9 guddata jedhamee akka eegamu Ministirri Maallaqaa obbo  Ahmaad Shiidee himan.

 Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa walgahii idilee 24ffaa gaggeessee jira.

Walgahicharratti Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee ibsa baajata mootummaa federaalaa bara 2016 dhiyeessaniiru.

Obbo Ahimad Shidee akka himanitti, bara baajata dhufu diinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 7.9'n akka guddatu tilmaamameera.

Wxineen baajataa bara kanaas kunis diinagdeen biyyattii rakkoolee mudate irraa gara haala idileetti ni deebi’a jedhamee akka eegamu himaniiru.

Waggoota darbanitti diinagdeen Itoophiyaa giddu galeessaan waggaatti guddina dhibbeentaa 6.1 galmeessisaa kan ture yoo ta’u, bara bajataa kanattis guddina dhibbeentaa 7.5 galmeessisuun ni danda’ama jedhamee eegama jedhaniiru.

Baajata itti aanuuf tilmaamni guddina diinagdee tarkaanfiiwwan imaammata maallaqaa fi faayinaansii ciccimoo mootummaan fudhachuuf yaadu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.

 Ministirri Maallaqaa akka ibsanitti wixineen baajata bara 2016 hanqina baajata hin sirreeffamne birrii biiliyoona 281 agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015