Godina Qeellam Wallaggaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 402’n ijaaramaa jiran 8 bara bajataa kana xumuramanii tajaajilaaf ni’oolu-waajjira bishaanii fi inarjii godinichaa

188

Waxabajjii 01/2015 (TOI) -. Godina Qeellam Wallaggaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 402’n ijaaramaa jiran 8 bara bajataa kana xumuramanii tajaajilaaf ni’oolu jedhe waajjira bishaanii fi inarjii godinichaa.

Pirojektoonni bishaan dhugaatii jiraattota godinichaa nifuru jedhamanii yaadaman kunneen ijaarsisaanii xumuramaa akka jiru ibsameera.

Bakka bu’aan ittigaafatamaa waajjirichaa obbo Gaaromaa Ofga’aa pirojektoonni kunneen mootummaa naannichaan ijaaramaa akka jiran ibanii, jiraattota kuma 30 ol akka fayyadan dubbataniiru.

Pirojektoonni bishaanii kunneen aanaalee baadiyyaa sadii fi bulchiinsota magaalaa sadii keessayyi ijaaramaa akka jiran dabalanii ibsaniiru.

Mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu ummataan gahuuf hojjechaa akka jiru itti gaafatamaan kun ibsanii, haala Kanaan walumaa gala godinichatti ijaarsi pirojektoota bishaan dhugaatii 28 ijaaramaa akka jiran ibsaniiru.

Pirojektoota kanneen keessaa maanaajariin pirojektii dhaabbata konistiraakshin injiinariingii Waadaa obbo Lalisaa Baqqalaa gamasaaniin, pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu aanaa Daallee Sadii magaalaa Haroo Sabbuutti ijaaramaa jiru tajaajilaaf oolchuuf akka ta’e dubbataniiru.

Ijaarsi pirojektichaa bara 2012 akka jalqabame dubbatanii, dhibbantaa 99 tuqaa 8 akka xumuramee fi waggaa sadii osoo hinguutiin xumuramee walharkaa fuudhinsa eegaa akka jiran ibsaniiru.

Pirojektichi tajaajila wayita eegalu sakondii tokkotti bishaan liitira 29 maddisiisuu akka danda’us dubbataniiru.

Jiraattota godinichaa keessaa TOI’f yaada kan kennan jiraataan aanaa Daallee Sadii obbo Daamxoo Xilaahuun akka jedhanitti, pirojektoonni hojjetamaa jiran rakkoo bishaan dhugaatii waggaa dheeraa akka hir’isuuf dubbataniiru.

Itti dabaluunis rakkoon bishaan dhugaatii qulqulluu waan jiruuf dhukkuboota bishaanirraa dhufan hedduuf saaxilamaa akka turan dubbatanii, tajaajila kennuu wayita jalqabu rakkoon kun akka furamuuf abdii akka qaban dubbataniiru.

Jiraattuun magaalaa Dambiidoolloo adde Siddisee Addunyaa gamasaaniin, rakkoon bishaan dhugaatii magaalicha keessa akka ture ibsanii, sababa Kanaan dhukkuboota addaddaaf saaxilamaa turuusaanii dubbataniiru.

Pirojektiin bishaanii yeroo ammaa xumuramuuf jedhu rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Dambiidoolloo guutummaatti akka furu abdii qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015