Baatii sagal bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa kuma 770 ol Itiyoophiyaa dhufaniiru-Ministeera Tuurizimii

Waxabajjii 01/2015(TOI)- Nageenyi Itiyoophiyaatti dhufuusaatiin baatii sagal bara bajataa kanaatti tuuristoonni alaa kuma 770 ol daawwannaaf Itiyoophiyaa dhufuusaanii ministeerri Tuurizimii beeksise.

Kanaaf ammoo waliigalteen nageenyaa haala gaarii uumuusaa ibseera.

Waggoota darban dameen tuurizimii Itiyoophiyaa waraanaa fi weerara Kooviid dabalatee rakkoolee uumamaa fi namtolcheen qorree tureera.

Sababa Kanaan galiin tajaajila kennitootaa damee kanaa hir’achuun, lakkoofsi daawwattootaa xiqqaachuu fi rakkooleen biroo kan mul’atan yemmuu ta’u, biyyattiin galii argachuu qabdu akka hin arganne taasiseera.

De’eetaan ministira Tuurizimii Salaamaawiit Daawiit TOItti akka himanitti, qormaata damee kana mudateen lammiileen biyya alaa Itiyoophiyaa waan hindhufneef sharafa biyya alaarraa argamu daangessee tureera.

Keessumaa waraanni Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture biyyattiirratti dhiibbaa hinmalle geessisuurra darbee carraaleen hojii damee Kanaan uumaman akka hinjiraanne dhiibbaa geessisee akka ture yaadachiisaniiru.

Waraanni waggaa lamaaf gaggeeffamaa turu akka dhaabatu mootummaa fi ABUT taasisuunsaanii damee tuurizimiif carraa guddaa uumuusaa dubbataniiru.

Ministeerri Tuurizimii carraa mijataa argametti fayyadamuun damee kana kakaasuu fi daawwattoonni Itiyoophiyaa akka dhufan nagana biyyattiitti bu’uusaa beeksisuu irraa eegalee hojiiwwan addaddaa hojjechuusaa eeraniiru.

Tajaajila kennitoonni damee Tuurizimii fi ministeerichi yaalii guddaa taasisaniin lakkoofsi daawwattoota biyya keessaa fi biyya alaa baay’ee fooyya’uusaa dubbataniiru.

Fakkeenyaaf baatii sagal bara bajataa kanaatti daawwattoonni biyya alaa kuma 770bol Itiyoophiyaa dhufuusaanii eeraniiru.

Lakkoofsi daawwattootaa yeroo walfakkaataa bardheengaddaa waliin walcinaatti yemmuu ilaalamu fooyyeen guddaan jiraachuusaa kaasuun kanaaf ammoo waliigalteen nageenyaa jijjiirama qabatamaa fiduusaa ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaatiin asitti geejjibni lafoo fi qilleensaa kutaa biyyattii kaabaatti jalqabame lakkoofsa tuuristootaa dabaluuf akka gargaaru eeranii milkaa’inasaaf ministeerichi hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Keessumaa Hoteelonnii fi dhaabbileen tajaajila kennan kanneen biroo waraanaan barbadaa’anii turan leenjii dabalatee qophii daawwattoota keessummeessuu dandeessisu akka taasisan dabalatee deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiru jedhan.

Qabeenyota tuuriizimii naannoo Tigraayi jiran beeksisuun fi paakeejonni tajaajilaa akka gurguraman gama gochuutiin bulchiinsa naannichaa kan yeroo waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tuurizimiin damee kana egereef bu’a qabeessummaan itti fufsiisuun gamtoomina hundagaleessa. Kan gaafatu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015