Agarsiifini idil addunyaa 'Agirii Fuudiifi Saamsa nyaata' baname.

Waxabajjii 1/2015(TOI):-  Agarsiifini idil addunyaa 'Agirii Fuudiifi Saamsa nyaata' har'a galma Barkumeetti baname.

Sirna banisa agarsiisichaarratte Ministirri deetaa Indaastirii obbo Hasan Mahaammad dabalatee ambaasaaddaroonni, qaamoleen damee daldaalafi keessummoonni waamichi godhameef argamaniiru.

 Agarsiisa kanarratti biyyoota 14 irraa kannen agarsiisicha dhiheessan 130 hirmaataniiru.

Itoophiyaa dabalatee Chaayinaa, Jarman, Nezarlaandi, Hindi, Xaaliyaan, Tarkiyyee, Ostiriyaa, Bulgaariyaa, Faransaat, Jarman, Joordaanfi Keeniyaan irraa agarsiisa kanarratti hirmaataniiru.

Agarsiifni daldalaa kun indastirii  Qonna, Nyaata qindeessuu,Paalastika, maxxansafi saamsa nyaatarratti kan xiyyeeffatedha.

Agarsiifni kun walitti dhufeenya gabaa uumuu fi waa’ee carraa daldalaa yeroo ammaa fi guddina haaraa indaastiricha keessatti mul’atu baruuf carraa  guddaa akka himameera.

Agarsiisa daldalaa kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u  namoonni kuma 3 ol ni daawwatu jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015