Yakka butii Adde Tsaggaa Balaachootti kan shakkame Yehuwaalaa Maabraatuu mana murteetti dhihaate

217

Waxabajjii 01/2015 (TOI)- Gocha yakkaa butii Adde Tsaggaa Balaachootti kan shakkame to’annaa poolisii jala kan jiru Yehuwaalaa Maabraatuu mana murteetti dhihaachuusaa qajeelchi poolisii magaalaa Hawaasaa beeksise.

Itti gaafatamaan qajeelcha poolisii magaalaa Hawaasaa Inispeektar Malkaamuu Ayyalee TOItti akka himanitti, himatamaan kun kaleessa mana murteetti dhihaateera.

Abbaan alangaa himatamaa ilaalchisuun raga dabalataa walitti qabuuf beellama guyyaa 14ii akka kennamuuf mana murtee gaafachuusaas ibsaniiru.

Manni murtee guyyaa baallamaa dabalataa gaafatame qorachuun guyyaa beellamaa 12 kennuusaa Inispeektar Malkaamuun dubbataniiru.

Adde Tsaggaa Balaachoo Caamsaa 15 bara 2015 hojii baatee mana deemaa osoo jirtuu yakki butii irratti raawwatamee hordoffii qaama nageenyaatiin gadhiifamuunshee  niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015