Nageenyi akka eegamu dargaggoonni ittigaafatamasaanii bahuu qabu

Waxabajjii 01 /2015 (TOI) –  Nageenyi akka eegamu dargaggoonni itti gaafatamasaanii bahuu akka qaban gaafatame.

Dargaggoonni naannoo Hararii haala nageenyaa wayitaawaa ilaalchisuun magaalaa Hararitti mari’achaa jiru.

Ittigaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Abdoo Jabbaar waltajjii kanarratti, nageenyi dhala namaa hundaaf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Gaaffilee kamiyyuu karaa nagaa dhiheessuun akka barbaachisuu fi humni farra nageenyaa isatti fayyadamuu akka hinqabne dubbataniiru.

“Dhimmi nageenyaa yoo nuharkaa bahe rakkisaa waan ta’eef hawaasa waliin keessumaammoo dardaggoo waliin nageenya eegsisuuf hojjetamaa jira” jedhaniiru.

Nageenyi Kan dhufu humna nageenyaan qofa osoo hinta’iin hirmaannaa hawaasaan waanta’eef yeroo yerootti mari’achuun rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isaa nageenya keenya eegnee deemuu qabna jedhaniiru.

Mootummaan rakkoo hojii dhabdummaa dargaggoo hir’isuuf karoorsee hojjechaa jira kan jedhan ittigaafatamaan kun, karoorri kun galmasaa akka gahu dargaggoon nageenya eeguurratti itti gaafatamasaanii bahuu akka qaban dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015