Sagantaan Ashaaraa Magariisaa qabeenya keenya waloo humna ida’ameen dhaloota dhufu dhaalchifnudha-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

222

Waxabajjii 01/2015(TOI) –“ Sagantaan Ashaaraa Magariisaa qabeenya keenya waloo humna ida’ameen dhaloota dhufu dhaalchifnudha” jedhan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mata duree "egeree keenya har’a haadhaabnu” jedhuun naannoo Affaaritti argamuun sagantaa Ashaaraa magariisaa boqqonnaa lammaffaa jalqabsiisaniiru.

Ministira muummee dabalatee pirezidaantonni naannolee, ministiroonnii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon sagantaa kanarratti argamaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad wayita kanatti ergaa dabarsaniin sagantaan ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaa waggoota afran itti aananiif akka hojiirra ooluu fi biqiltuuwwan biiliyoona 25 akka dhaabaman ibsaniiru.

Sagantaan kun qaama yaalii Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftuu ta’uusaa eeranii, irra caalaa qonnaa bosona ofitti qabateef xiyyeeffannoo nikenna jedhan.

Haala Kanaan sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaatiin biqiltuuwwan qonnaa bosona walii walitti hidhate dhibbantaa 60, dhibbantaan 35 ammoo biqiltuuwwan bosonaa, wayita ta’an dhibbantaan 5 biqiltuuwwan miidhagina magaalaaf oolan akka dhaabaman eeraniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa qormaatilee jijjiirama haala qilleensaa kan damdamatan biqiltuuwwan biyya keessaa akka ta’an dubbataniiru.

Sagantaan kun amma Fulbaana dhufuutti bara 2016tti akka itti fufu ministirri muummee eeraniiru.

Sanantaan ashaaraa magariisaa qabeenya keenya waloo humna ida’ameen dhaloota dhufu dhaalchifnu waan ta’eef milkaa’inasaaf hundi qoodasaa akka bahu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hubachiisaniiru.

Biqiltuuwwan bara kana dhaabama biiliyoona 7 tuqaa 4 qophaa’uusaanii ministeerri qonnaa ifoomseera.

Sirni hojmaataa biqiltuuwwan dhaabaman teeknooloojiin hordofuu dandeessisu ministeera innoveeshinii fi teeknooloojii waliin ta’uun diriirfamuun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015