Magaalaa Hawaasaarraa bakka bu'oota Mirii biyyaaleessa irratti hirmaatan kanneen filaniifi bakka bu'oota ajandaa qoodan waliin mariyatamaa jira.

204

Waxabajjii 1/2015 (TOI)- Magaalaa Hawaasaarraa bakka bu'oota Mirii biyyaaleessa irratti hirmaatan kanneen filaniifi bakka bu'oota ajandaa qoodan waliin mariyatamaa jira.

Walatajjii kanarratti magaalaa Hawaasaarraa kuaalee hawasaa sagal bakka kan bu'an namoonnii 3600 hirmaachaa jiru jedhameera.

Bakka bu'oonni kunneen Komishiinii marii biyyaaleessa ilaalchisuun hubannoo gahaa erga argataniin booda kutaalee magaalaa irraa dhunafan irraa kanneen sadarkaa naannootti bakka bu'anii maricharratti hirmaatan filachuun waantota ajandaa ta'anis adda kan baasan ta'uun himameera.

Ragaan Komishinicharra argame akka mul'isutti walatajjii kanarratti bakka bu'oonni filaman sadarkaa naannootti ajandaawwan komishinichaaf dhihaatan kan filanfi sadarkaa biyyaattis kan hirmaatanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015