Magaalichatti bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan biltuu miliyoona 17 dhaabuuf qophiin taasifameera.

208

Waxabajjii 1/2015(TOI):- Magaalaa Finfinneetti bara kana sagantaa ashaara magariisaan biqiltuu miliyoona 17 dhaabuuf qophiin taasiafamuu Biiroon qulqullinaafi misooma magariisaa beeksise.

Itoophiyaatti waggoota arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltoota biliyoona 25 ol dhaabuun rakkoo jijjirama qilleensaa furuu keessaatti hojii hojjetameen milkaa'inni guddaan argameera.

Milkaa'ina kanarra ka'uun boqonnaan lammaffaan sagantaa ashaaraa magariisaa jalqabuuf qophiin xumurameera.

Haaluma kanaan magaalaa Finfinneetti bara kana waqtii gannaa qofa biqiltuu miliyoona 17 dhaabuuf qophiin taasifamuu bulchiinsa magaalichaatti itti aantuun biiroon Qulqullinaafi misooma magariisaa aadde Yimmanyushaal Taaddasaa TOItti himaniiru.

Magaalichaatti waggoota arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaan biltuu miliyoona 14 dhaabamuu himanii, boqonnaa lammaffaa kanaan namoota miliyoona 2 ol hirmaachisuun kutaalee magaalichaa hundaatti boolli biqiltuun keessa dhaabbatu qophaa'a jira jedhaniiru.

Biqiltoota dhaabaman keessaa harkii 20 fuduraa, harki 20 immoo miidhagina magaalaaf kan oolan, kanneen hafan immoo biltoota gaaddisa ta'anidha jedhaniiru.

Biqiltoonnii marsaa jalqabaan dhaabaman kununfamaa jiraachuu himanii kanneen keessaa harki 86 qabachuu himaniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu bara kanaa akka milkaa'uuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hunduu gahee isaanii akka bahan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015