Buqqaatota naannoo Somaalee aanaa Baabbilee buufata dahannoo jiraniif furmaata waaraa kennuutu barbaachisa-Koree dhabbataa

171

Waxabajjii 01/2015(TOI)- Buqqaatota naannoo Somaalee aanaa Baabbilee buufata dahannoo jiraniif furmaata waaraa kennuun akka barbaachisu Koreen dhabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa mana maree bakka bu’oota ummataa hubachiise.

Koreen kun haala buqqaatonni buufata dahannoo irra jiran ilaaleera.

 “Lammiileen yeroo dheeraaf dahannoo keessa turuunsaanii sirrii miti” kan jefhan walittiqabaan koree kanaa doktar  Diimaa Nagoo mootummoonni federaalaa fi naannoo qindaa’uun furmaata waaraa kennuu akka qaban hubachiisaniiru.

Lammiilee eeggattummaarraa baasuun fuula dura deebisanii dhaabuuf qaamoleen dhimmi ilaalu qoodasaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru.

Miseensonni koree dhaabbataa rakkoon lammiileen buqqa’anii furamaata amma argatanitti qoodasaanii akka bahan ibsaniiru.

Ittigaafatamaan soda balaa fi deebisanii dhaabuu buufata dahannoo Baabbilee obbo Heenook Bayyanaa gamasaaniin buqqaatonni ofeeggattummaarraa baasuun bakka turanitti deebisuun xiyyeeffannoo argachuu qaba jedhan.

Maatiin kuma 16 fi 700 ol buufata dahannoo kanatti akka argamanii fi bakki gahaa ta’e dhabamuunsaa  tajaajila barbaachisu argachaa akka hinjirre ibsaniiru.

Lammiileen buufata dahannoo Baabbileetti argaman gamasaaniin, bakka kana waggaa toorba akka turanii fi deeggarsi taasifamaafii jiru gahaa akka hintaanee fi deeggarsi taasifamu baay’ina buqqaatotaa waliin akka walhinginne ibsaniiru.

Naannawa kanatti soho’uuf waraqaa eenyummaa lammummaa ibsuu fi tajaajilli waldhaansaa gahaan dhabamuun akkasumas manni barumsaa kutaa 6 ol barsiisu dhabamuunsaa ijoolleesaanii akka hinbarsiifne taasisuusaa dubbataniiru.

Koreen dhaabbataa kun deeggarsa isaa akka taasisuufis gaafataniiruy.

Buqqaatonni naannoo Somaalee jiran gargaaramuu jalaa bahanii akka ofbulchan mootummaan deeggarsa akka taasisu jaarsoliin naannawicha waamicha dhiheessuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii mana maree bakka bu’oota ummataarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015