Jilli Korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii zoonii daldala bilisaa Daagziing fi zoonii dinagdee addaa Chaayinaatti argamu daawwate

143

Waxabajjii 01/2015(TOI)- Jilli Korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii zoonii daldala bilisaa Daagziing fi zoonii dinagdee addaa Chaayinaatti argamu daawwateera.

Zooniin daldala bilisaa fi zooniin dinagdee addaa iddoowwan dinagdee fi Invastimantii guddaa Chaayinaatti argaman keessaa tokko ta’uusaa korporeeshinichi odeeffannoo  fuula  marsariitiisaarratti baaseen beeksiseera.

Jilli kun muuxannoowwan, hojmaatilee fi sirna hojmaataa zoonii daldala bilisaa Dirreedawaa bu’a qabeessa taasisuu dandeessisan arguunsaa ibsameera.

Ziiniin daldala bilisaa Daagziing fi zooniin dinagdee addaa pirezidaantii Shii Jiinpiingiin eebbifamee hojii kan eegale yemmuu ta’u, tajaajila kennuu fi bal’inaan buufata Xiyyaaraa Beejiing kan caalu buufata xiyyaaraa ofkeessaa akka qabu beekameera.

Chaayinaa guutuu addunyaa waliin dinagdeen caalaatti walitti akka fidu kan ibsame Zooniin invastimantii fi dinagdee daldalaa, Invastimantii fi dinagdee idil addunyaa Beejiing dabalatee, magaalaalee Tiiyaanjiin fi Hubeey akka ofkeessatti qabatu eerameera.

Qajeelchi maarketiingii fi komunikeeshinii korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii hooggantoota biroo waliin ta’uun daawwannaa hojiif Chaayinaatti argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015