Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 24ffaa har’a adeemsisa - ENA Afaan Oromoo
Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 24ffaa har’a adeemsisa

Waxabajjii 1/ 2015 (TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii waggaa 2ffaa walgahii idilee 24ffaa har’a ni’adeemsisa.
Odeeffannoon mana marihaarraa argame akka agarsiisutti, manni maree walgahii idilee hara’ adeemsisuun, ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shidee wixinee bajataa mootummaa federaalaa bara 2016 ilaalchisuun ibsa bajataa dhiheessan (Budget Speech) irratti nimari’ata.
Wixineen bajataa kun koree dhimmoota pilaanii, bajataa fi faayinaansiif niqajeelfama jedhameetu eegama.