Godina Booranaa Bahaatti lafti heektaara kuma 15 ol nyaata looniif akka oolu tuttuqaarraa ala taasifame-Waajjira qonnaa godinichaa

194

Caamsaa 30/2015 (TOI)- Godina Booranaa Bahaatti lafti dheedichaa heektaara kuma 15 ol tuttuqaarraa ala taasifamuusaa waajjira qonnaa godinichaa ibse.

Waajjirichatti ogeessi qabeenya uumamaa obbo Aliyyee Areebaa godinichatti lafti dheedichaa heektaara 15 ol tutuqaarraa ala ta’eera jedhan.

Lafti dheedichaa tuttuqaa ala taasifame sababa ongeefi kanneen birootiin miidhaan kan irra gahe ta’uun beeksisaniiru.

Barana aanaalee godinchaa saddet keessatti lafti dheedichaa heektaara  kuma 14 ol miidhaan irra gahe tuttuqaarraa ittisuuf karoorfamee akka ture yaadachiisaniiru.

Amma ammaatti hirmaannaa ummataan lafti heektaarri kuma 15 fi 165 daangeffamee kunuunfamaa akka jiru ibsaniiru.

Sadarkaa nama dhuunfaattis hojii kana hojjechuuf qophiin taasifamaa akka jiru eeraniiru.

Roobni arfaasaa yeroo ammaa roobaa jiru marga dheedichaaf gaarii ta’uu beeksisaniiru.

Lafa daangeffame biqiltuu dhaabuuf qabeenya uumamaa misooma magariisaan kunuunsuuf biqiltuu miiliyoona 28 dhaabbiif qopheeffamuu ibsaniiru.

Lafti dheedichaa hirmaannaa horsiisee bulaan daangeffame beellada kuma 70 fayyadamoo akka taasisu ibsaniiru.

Waajjirichatti dursaan garee deebisanii dhaabuu obbo Waariyoo Hasan, waggaa darbe hanqina nyaata loonii sababa ongeen mudatee tureen beelladoonni hedduun miidhamuusaanii yaadataniiru.

Ongee ittisuuf lafa dheedichaa kunuunsuu fi bishaan lafa keessaa baasuun itti fayyadamuuf hojmaanni diriirfamuu dubbataniiru.

Godinichatti jiraataa aanaa Liiban ganda Laga Guulaa obbo Shoobaa Mooluu lafa marga dheedichaa daangessuun hanqina nyaata loonii hir’isuuf qophii taasisaa akka jiran ibsaniiru.

Jiraataan aanaa fi ganda kanaa kan biraan obbo Carfii Jaataanii waggaa darbe miidhaan ongeen qaqqabe akka hindeebine namoota naannoo waliin ta’uun hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

''Lafa margaa daangessinee daagaa hojjennee kunuunsaa jirra, rooba arfaasaatiin biqiltuu dhaabneerra, haroowwanis bishaan roobaatiin nuuf guutaa jiru” jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015