Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti lammiilee buqqa’an qe’eesaaniitti deebi’aniif deeggarsi nitaasifama-Komishinii soda balaa fi hooggansa hojii naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti lammiilee buqqa’an qe’eesaaniitti deebi’aniif deeggarsi nitaasifama-Komishinii soda balaa fi hooggansa hojii naannichaa

Caamsaa 30 /2015 (TOI) - Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti lammiilee qe’eerraa yaalii oomishanii ofdanda’uuf taasisan deeggaruuf deeggarsi galtee qonnaa akka taasifamuuf Komishinii soda balaa fi hooggansa hojii naannichaabeeksise.
Komishinarri komishinichaa obbo Taarraqany Taasisaa ibsa har’a kennaniin akka jedhanitti, haalli nageenyaa naannichaa yeroo gara yerootti fooyya’aa dhufeera.
Lammiilee rakkoo tureen buqqa’an kuma 475 ol keessaa dhibbantaa 92 ol qe’eesaaniitti deebisuun danda’ameera jedhan.
Yeroo ammaa xiyyeeffannoon komishinichaa inni guddaan egereef deebisanii dhaabuu akka ta’e eeranii, kanaafis karoorri tarsiimawaa waggaa shanii qopheessee hojeessaa akka jiru ibsaniiru.
Akkaataa karoora tarsiimawaa Kanaan hojiiwwan manneen jireenyaa namoota dhuunfaa miidhaman, bu’uraaleen misoomaa kanneen akka fayyaa, barnootaa, qonnaa fi kanneen biroo deebisanii dhaabuu akka keessatti argaman eeraniiru.
Lammiilee lakkoofsaan xiqqaa buqqa’anii dahannoo yeroo keessatti hafan qe’eesaaniitti deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Keessumaa kanneen qe’eesaaniitti deebi’an nageenya argametti fayyadamanii ganna kanatti maasaasaanii misoomsuun nyaataan akka ofdanda’an dursanii carraaqqii taasisuu akka qaban obbo Taarraqany dubbataniiru.
Komishinichi galteewwan qonnaa dhiheessuuf mootummaa federaalaa akkasumas qaamole deeggartootaa waliin walta’uun deeggarsa taasisu akka itti fufsiisu obbo Taarraqany beeksisaniiru.