Yaa’iin hooggantoota ‘IGAD’14ffaa Wixata dhufu Jibutiitti ni adeemsifama

208

Caamsaa 30/2015(TOI)- Yaa’iin hooggantoota ‘IGAD’14ffaa Wixata Waxabajjii 5/2015 Jibutiitti akka adeemsifamu dhaabbatichi beeksise.

Hooggantoonni biyyootaa fi aanga’oonni walgahii kanarratti akka hirmaatan odeeffannoon dhaabbatichi baase mul’iseera.

Yaa’iin hooggantoota ‘IGAD’ 13ffaan baatii Sadaasa bara 2012 Finfinneetti taa’amuunsaa niyaadatama.

‘IGAD’ dhaabbata zoonii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1996 hundaa’e wayita ta’u, Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa Bahaa saddet miseensummaan qabateera.

‘IGAD’ dhaabbata gamtaa fi walitti hidhiinsa zoonii irratti  xiyyeeffatee hojjetu biyyoonni miseensaa nagaa fi nageenyasaanii akka mirkaneeffatan akkasumas badhaadhina akka milkeessan nideeggara.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015