Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti oomishtummaa fi itti fayyadama qabeenya qurxummii guddisuuf wiirtuuleen qindessaa fi gabaa ammayyaa ijaaramaa jiru

Caamsaa 30/2015 (TOI): - Naannoo Gaambeellaatti oomishtummaa fi itti fayyadama qabeenya qurxummii guddisuuf wiirtuuleen oomisha bu'aa Qurxummii qindeessuufi gabaa ammayyaa ijaaramaa akka jiran Waajjirri Qabeenya Beeyladaa fi Qurxummii naannichaa beeksise.

Ragaan Ministeera Qonnaa akka mul'isutti, akka biyyaatti waggaatti giddu galeessaan qurxummiin toonii kuma 73 oomishamaa kan jiru yoo ta’u, dandeettii fi fedhii oomishaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu oomishni oomishamaa jiru kun gad aanaadha.

Sadarkaa biyyaatti oomishaafi itti fayyadama qabeenya Qurxummii guddisuuf abbootii qabeenyaa hojii kanarratti akka hirmaatan taasisuufi qabeenya qurxummiirratti Yuunivarsiitoota waliin ta'uun qorannoo adda addaa hojjetama jira jedhameera.

TOI hojii oomishitummaa fi itti fayyadama qabeenya qurxummii naannoo Gaambeellaa guddisuuf hojjetamaa jiru ilaalchisuun Hogganaa Biiroo Beeyladaafi Qurxummii naannichaa obbo Ashaak Uchaalaa waliin turtii taasiseera.

Naannichatti oomisha qurxummii naannichaa toonii kuma 17 gahuuf pirojektiin birrii miiliyoona 155 hojjetamuufi waggaa sadi keessaatti xumuramu bara 2013 Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii waliin mallattaa’uun ni yaadatama.

Hogganaan Biiroo Qabeenya Beeyladaa fi Qurxummii naannichaa obbo Ashaak Uchaalaa akka ibsanitti, oomisha qurxummii naannichatti haala barbaachisaa ta'een itti fayyadamuuf hojjetamaa jira.

Naannoon Gaambeellaa qabeenya qurxummii hedduu kan qabu yoo ta'u, ta'uus garuu yeroo ammaa hanga tokko fooyyeen jiraatus gama oomishaatiin raawwii gadi aanaa qabdi jedhaniiru.

Gargaarsa pirojektichaatiin bidiruu fi konkolaattonni meeshaalee qurxummii qabaniifi qorisiisaan(firijii) irratti hojjetame oomishuun oomisha qurxummii guddisuuf hojjetamaa kan jiru ta'uu eeraniiru.

Giddugalli Qopheessaa fi Kuusaa Omisha Qurxummii Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiin naannicha bakka saditti hojjetaman hojiin isaanii xumuramee wal harkaa fudhansaaf qophaa'aniiru jedhaniiru.

Giddu-galli qophii fi gabaa qurxummii ammayyaa ijaaramaa jiru yeroo xumuramu dhiyeessii oomishaa babal’isuun akka danda’amu beeksisaniiru.

Sagantaan Maaddii Guutuus qabeenya qurxummii naannichaa sirnaan itti fayyadamuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhaniiru.

Naannichatti oomishtummaa fi itti fayyadama qabeenya qurxummii guddisuuf wiirtuuleen qindessaa fi gabaa ammayyaa ijaaramaa jiru

Biiroo Qabeenya Beeyladaa fi Qurxummii Naannichaatti Daarektarri Omisha Beeyladaa fi Misooma Nyaata Beeyladaa Anteenee Tasfaayee gama isaaniin Waggaatti qurxummii toonii kuma 15 hanga kuma 17 oomishuuf dandeettiin jiraatus oomishni amma jiru toonii kuma 3 akka hin caalle ibsaniiru.

Kanaaf hojiiwwan oomisha guddisuuf hojjetamaa jiran bal’inaan hojjetamaa akka jiran hubachiisaniiru.

Fakkeenyaaf waldaaleen 180 miseensota 20 hanga 30 qaban qurxummii qabuu irratti bobba’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015