Itiyoophiyaa fi Biraaziil gamtoomina dameelee dinagdee, Ispoortii fi aadaatiin qaban cimee itti fufa-Ambaasaaddar Mingaanuu Argaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Biraaziil gamtoomina dameelee dinagdee, Ispoortii fi aadaatiin qaban cimee itti fufa-Ambaasaaddar Mingaanuu Argaa

Caamsaa 29/2015(TOI)- Itiyoophiyaa fi Biraaziil gamtoomina dameelee dinagdee, Ispoortii fi aadaatiin qaban cimee akka itti fufu de’eetaan ministiraa dhimma alaa Ambaasaaddar Mingaanuu Argaa ibsan.
Ambaasaaddar Misgaanuun hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisuun de’eetaaministiraa dhimma alaa Biraaziil waliin mari’ataniiru.
Marii kanaanis hariiroon biyyoota lamaanii damee dippilomaasii gamlamee fi heddumminaa cimee itti fufuu akka qabu de’eetaan ministiraa kun yaadachiisanii, keessumaa Itiyoophiyaan gama misooma qonnaatiiin Biraaziil waliin deeggarsa teekniikaan hojjechuu akka barbaaddu beeksisaniiru.
Humna gabbataa damee Ispoortii fi Aadaan Biraaziil qabdu Itiyoophiyaan fayyadamuuf fedhii akka qabdu ibsanii, kun ammoo hariiroo ummattoota jidduutti cimsuuf gumaaha akka qabaatu eeraniiru.
Hojiiwwan ijoo hariiroo dameelee eeramaniin jiru mootummoota lamaan jidduutti fuuldura xiyyeeffannoo addaan akka irratti hojjetamu ambaasaaddar Misgaanuun hubachiisaniiru.
Ministirri dhimma alaa Biraaziil de’eetaan ministiraa Afriikaa fi jiddugaleessa bahaa ambaasaaddar Kaarloos Du’aartee gamasaaniin daawwannaan Itiyoophiyaatti taasisaa jiran guddina wayitaawaa hariiroo biyyoota lamaanii akka agarsiisu dubbataniiru.
Hariiroon kun dameelee eegumsa naannoo, Aviyeeshinii, qonnaa, Ispoortii fi aadaan cimee akka itti fufu mootummaansaanii akka hojjetu de’eetaan ministiraa kun beeksisaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Biraaziil qabeenya dilbii Itiyoophiyaan qabdu fayyadamuun damee daldalaa fi Invastimantiin akka hojjetanis marii kanarratti kaafameera.