Ambaasaaddar Dasee Daalkee sirna yaadannoo waliigaltee dhukaasa dhaabuun Kooriyaa itti mallatteeffame waggaa 70ffaa irratti hirmaatan

344

Caamsaa 29/2015(TOI)-Rippaabiliikii Kooriyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee sirna yaadannoo waliigaltee dhukaasa dhaabuun Kooriyaa itti mallatteeffame waggaa 70ffaa irratti hirmaataniiru.

Sirni kun kan adeemsifame bulchiinsa Gaangiwoonitti kan argamtu magaalaa Chuuncheewoonitti yemmuu ta’u, ambaasaaddaroonnii fi attaasheewwan loltuu biyyoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii waraana kanarratti hirmaatanii sagantaa kanarratti argamuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Bulchaan bulchiinsa Gaangiwoon Kiim Jiin Tee haasawa sirna kanarratti taasisaniin nageenyi rippaabiliikii Kooriyaa kan dhugoomee fi kan mirkanaa’e aarsaa Loltoonni Kooriyaa fi loltoonni miiliyoona 1 tuqaa 9 biyyoota 22 irraa walitti baba’an kafalaniini jedhan.

Loltoonni kuma 40 waraana Kanaan lubbuusaanii akka dhaban yaadataniiru.

“Jiraattonni bulchiinsa Gaangiwaan jaalalaa fi amanamummaa gootummaan guutame abbootiinsaanii biyyasaaniif qaban bara baraan yaadachaa jiraatu  jedhan bulchaan kun.

Duudhaalee idil addunyaa kanneen akka dilisummaa, mirgoota namoomaa fi nageenya  dafqaa fi dhiigaan argaman eeguuf qooda gaggeessummaa fudhachuuf akka carraaqan ibsaniiru.

Waraana kana dhaabuuf akka lakkoofsa Awurooppaatti Adoolessa 27/1953 waliigalteen kan mallatteeffame yemmuu ta’u,waliigaltee Kanaan cinaattis boojuu waljijjiiruunis taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015