Walatajjiin Waliigaltee hammattoo jijjiirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii waggaatti qophaa'u guyyaa har’aa Jarman Magaalaa Boonitti gaggeeffamuu eegalee.

450

Caamsaa 28/2015 (TOI)- Waltajjiin Waliigaltee hammattoo jijjiirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii waggaatti qophaa'u guyyaa har’aa Jarman Magaalaa Boonitti gaggeeffamuu eegalee.

Itoophiyaanis waltajjii waliigaltee jijjiirama qabeenya qilleensaa kanarratti hirmaachaa jirti.

Kaayyoon, walga’ichaas yaadota murtee Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii biyyoota miseensotaan akka bocamuuf ta’uun eerameera.

Waltajjicharratti gareen jilaa Ministir Deetaan Ministeeraa Pilaanii fi Misoomaa Obbo Saandookaan Dabbabaan durfamu hirmaachaa jiru.

Obbo Sandookaan marichaan cinaatti biyyoota, dhaabbilee fi gareewwan garaagaraa waliin marii gamlamee ni taasisuu jedhamuu ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa irraa argame ni mul’isa.

Walga’ii kanaan ajandaaleen jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti bal’inaan mari’achuun yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtomanii 28ffaarratti yaadota murtee dhiyaatan ni qopheessu jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015