Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaafi Kuweet walitti dhufeenya seenaa qabeessa qaban bifa haaraan cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaadha

Caamsaa 28/2015(TOI) - Itoophiyaafi Kuweet walitti dhufeenya seenaa qabeessa qaban bifa haaraan cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaa akka ta'ee Kuweetitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Saayid Mohaammad beeksisan.

Kuweetitti ergamaa addaa Itoophiyaafi ambaasaaddarra ta'aanii kan muudaman amabaasaaddar Saayid Mohaammad xalayaa muudamaa isaanii Ministira Dhimma Alaa Kuweet Sheek Saaleem Abdallaa Al-Jaabir Al-Sabahiif dhiheessaniiru.

Yeroo kana marii taasisaniin Itoophiyaafi Kuweet walitti dhufeenya seena qabeessa qaban caalaatti bifa haaraan cimsuun barbaachisaa ta'uu amabaasaaddar Saayid eeraniiru.

Turtii Kuweetitti taasisaniinis walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf akka hojjetaniifi kanaafis mootummaan Kuweet deeggarsa akka taasisuuf amantaa qaban himaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Kuweet sheek Saalem Abdallaa Al-Jaabir Al-Sabahiif gama isaaniin Kuweet walitti dhufeenya gama hundaan Itoophiyaa waliin qabdu cimseetee itti fufti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015