Tamsaasa Kallatti:

Magaalaan guddoon keenya Finfinneen daawwattootaa haalaan hawwachaa jirti.

Caamsaa 28/2015(TOI) :- Magaalaan Finfinnee wiirtuulee daawwattootaa haalaan harkisaan hedduu horachaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee himan.

Keessattuu paarkiin Tokkummaa bakka haawwata turizimii magaalaa keenyaa isa guddaa ta'eera jedhan.

Ammatti pirojaktooti dabalataa jechuunis, giddu gala sanyiiwwan biqiltuu, manneen galmee seenaa qabeeyyii fi giddu galli fayyaa dabalamuu miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee giddu galoota kanneen akka daawwatan, ijoollee isaanii akka ergan, bashannanuurra darbee beekumsa akka irraa argatan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015