Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii Maraatoonii Siwiidiin sitokihoolimitti geggeeffame injifatan.

712

Caamsaa 28/2015(TOI) - Atileetoonni Itoophiyaa dorgommii Maraatoonii Siwiidiin sitokihoolimitti geggeeffame sadarkaa tokkoffaa hanga 3ffaattiin galuun injifatan.

Torban darbe biyyoota adda addaatti dorgommiin atileetiksii geggeeffameera.

Dorgomiiwwaan kana keessaas dorgommiin maraatoonii Siwiidiin sitokihoolimitti geggeeffame isa tokkodha.

Dorgommii kanarratti atileetoonni Itoophiyaa saala lamaanirrayyuu sadarkaa 1ffaa ahanga sadaffaatti qabachuun xumuraniiru.

Dhiiraan atileet Ashanaafii Mogos sadarkaa tokkooffaan yoo xumuru, Atileet Daraaraa Hurreessaa sadarkaa 2ffaa akkasuma atileet Tsaggayee Mokonniin sadarkaa 3ffaan xumuruun injifataniiru.

Dubartootaan immoo Atileet Siifaan Malaakuu sadarkaa 1ffaan yoo injifattu atileet Soroomee Nagaash sadarkaa 2ffaan akkasuma Atileet Yeneenesh Dinqeessaa sadarkaa 3ffaan xumuruun injifataniiru.

Dorgommii walakkaa maraatoonii Ispeen Albaaseeteetti geggeeffameen immoo atileet Kaasaaneesh Ashanaafii sadarkaa 1ffaan xumuruun injifateetti.

Dorgommii maraatoonii walakkka Neseen Mandeellaa Afrikaa Kibbaatti geggeeffamee immoo atileet Baqqaleech Waariyoo sadarakaa sadaffaan galuun injifateetti.

Atileet Salaam Gabreefi Tigisti Ayyaaloowu sadarkaa 4ffaa fi 5ffaan xumuraniiru.

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015