Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektaara kuma 902 ol dhaabbii biqiltuuf qophaa’eera- Misooma bosonaa Itiyoophiyaa

243

Caamsaa 26/2015 (TOI)- Sagantaa Ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektaara kuma 902 ol dhaabbii biqiltuuf qophaauusaa misoomni bosonaa Itiyoophiyaa ibse.

Waggaa afur dura yaada ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad maddisiisaniin Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa jalqabdeen biqiltuu biiliyoona 25 ol  dhaabdeetti.

Oomishaa fi oomishtummaa biyyattii guddisuuf, wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuu fi uwwisa misoomaa bosonaa guddisuun jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf biqiltuu dhaabame keessaa dhibbantaa 55 kan ta’u bosonaafis kan oolu ta’uun ni beekama.

Itti aanaan daarektara olaanaa misooma bosonaa Itiyoophiyaa doktar Mootummaa Toleeraa TOI’f akka ibsanitti, sochiin ashaaraa magariisaa waggoota arfan darbanii akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa milkaa’inaa fi hirmaannaa ummataa mirkaneessuudhaan kan eeramudha.

“Itiyoophiyaatti waggaa waggaan biqiltuuwwan miiliyoonatti lakkaa’aman yoo hindhaabamne bara sababa jijjiirama haala qilleensaatiin balaa olaanaaf saaxilamnu waan ta’eef Itiyoophiyaanotaaf biqiltuu dhaabuun filannoof kan dhihaatu miti jedhan.

Gaarren Itiyoophiyaa qullaatti hafuun, biyyoon dhiqamuu, bishaan gogaa jiraachuu qorannoowwan akka agarsiisan eeranii, ashaaraan magariisaa hojii dursi kennamuuf ta’uu eeraniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf karoorfamus amma ammaatti biqiltuun biiliyoona 7 ol qophaa’uu itti aanaan daarektara olaanaa kun dubbataniiru.

Kanaaf ammoo biqiltuun kamtu lafaa fi biyyoo kamirratti dhaabamuu qabu kan jedhu qorannaan adda baafamee dhaabbiif qophiin taasifamuuqophiin taasifamuu ibsaniiru.

Amma ammaatti lafti heektaarri kuma 902 ol adda baafamee dhaabbii biqiltuuf kan qophaa’e yemmuu ta’u, kana keessaa heektaarri kuma 552 kan ta’u bosonaaf adda baafamuu eeraniiru.

Lafa biqiltuuf adda baafame keessaa heektaarri kuma 257 kan ta’u kaartaan qophaa’uufii ibsaniiru.

Sagantaawwan ashaaraa magariisaa boqonnaa jalqabaatti taasifamaniif sanyii filachuurraa amma dhaabuu fi kunuunsuutti hirmaannaan hawaasaa dabalaa dhufuu mirkaneessineerra jedhan.

Qaama ashaaraa magariisaa kan ta’e hojii eegumsi biyyoo fi bishaanii bonaa qidaa’aatiin hirmaannaan lammiilee dabalaa dhufuun agarsiiftuudha jedhan.

Biqiltuu dhaabuun tarkaanfii sagantichaa kan jalqabaa ta’uu eeranii, kan dhaabaman kaayoo barbaadameef oolanii hawaasa fayyadamaa taasisuun galma xumuraa ta’uu eeraniiru.

Sagantaa baranaatiin amma ammaatti boolli biqiltuu biiliyoona 2 tuqaa 3 ta’u qophaa’uu dubbatan.

Arfaasaa bara 2015 Oromiyaa, Sidaamaa, Kibba, Itiyoophiyaa kibba lixaa fi Dirredawaatti biqiltuuwwan miiliyoona 250 ol dhaabamuu doktar Mootummaan ibsaniiru.

Dhaabbanni waggoota arfan darban Itiyoophiyaatti dhaabaman jijjiiramni misooma bosonaa, wabii nyaataa, xaa’ummaa laxaa fi kkf irratti fidan qoratee ifoomsu adda baafamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015