Aadaa walgargaaesaa “Buusaa Gonofaatiin” ummanni loowwan kuma 16 ol walitti qabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8’f deeggarsa taasiseera- Buusaa Gonofaa Oromiyaa

780

Caamsaa 26/2015 (TOI) - Aadaa walgargaaesaa “Buusaa Gonofaatiin” ummanni loowwan kuma 16 ol walitti qabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma 8’f deeggarsa taasisuusaa  Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise.

Deeggarsichi hawaasni akkaataa aadaasaatiin loowwan addaddaa walitti qabuun abbootiin warraa ongeen miidhaman bayyanatanii akka ofdanda’an kan taasise ta’uun ibsameera.

Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo Buusaa Gonofaa Oromiyaa daoktar Malliicha Loojee TOI’f akka ibsanitti, ongeen naannicha godinoota 10 keessatti mudatee ture loonii fi namarratti miidhaa geessiseera.

Ongee damdamachuuf mootummaan hojii hojjeteen lammiilee ongeen miidhaman miiliyoona 3 tuqaa 9f midhaan nyaataa kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 7 ol  deeggarsa taasifamuu dubbataniiru.

Deeggarsi midhaan nyaataa qaamoleen addaddaa taasisan kuntaalli kuma 180 ol miidhamtootaaf raabsamuus dubbataniiru.

Yeroo ammaa bakkeewwan ongeen miidhaman bokkaan roobaa akka jiru eeranii, miidhamtoonni amma ofdanda’anitti deeggarsi nitaasifama jedhan doktar Maalliicha.

Buusaa Gonofaan sirna ummanni Oromoo durii balaan uumamaa fi namtolchee wayita mudatu ittiin walgargaarudha.

Akkaataa aadaa kanaatiin  hawaasni yeroo darbe midhaan kuntaala kuma 100 ol sassaabee miidhamtoota godinaalee Booranaa, Baalee, Gujii fi Harargeef qaqqabsiisuu yaadachiisaniiru.

Kana malees loon kuma 16 ol sassaabuun abbootii warraa ongeen miidhaman kuma  8 oliif deeggarsa taasisuu eeraniiru.

Mootummaan iddoowwan ongeen itti mudatetti pirojektoota misoomaa egeree hojjechaa akka jiru ibsanii, hidhoonni hedduun ijaaramanii bishaan roobaa kuusuu jalqabuusaanii dubbataniiru.

Gama biraatiin roobni roobuusaatiin qonnaan bulaa fi walakkaan horsiisee bulaan misooma midhaanii akka jalqabu mootummaan sanyii, tiraaktaraa fi xaa’oo dhiheessaa akka jiru ibsaniiru.

Qonnaan bulaan misooma midhaaniirratti xiyyeeffatee nyaataan ofdanda’uuf cimee akka hojjetu deeggarsi taasifamu cimee itti fufa jedhan.

Godina Booranaa baasii birrii biiliyoona 5 tuqaa 3 oliin jaarsi hidha bishaanii 18 kan hojjetamu yemmuu ta’u, rooba roobeen hidhoonni 12 bishaan kuusuusaanii eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015