Jiddugaleessi aadaa Qabeenaa eebbifame

Caamsaa 26 /2015 (TOI)- jiddugaleessi aadaa Qabeenaa waldaa misoomaa Qabeenaatiin  magaalaa Walqixxeetti ijaarame sirna hoo’aan eebbifame.

Af-yaa’ii mana maree naannoo kibbaa adde Faaxee Sirmoolloo dabalatee hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannolee sirna kanarratti argamaniiru.

Kana malees sablammoonni naannoo kibbaa addaddaa, naannoleen Oromiyaa, Sidaamaa fi Hararii  akkasumas jaarsoliin biyyaa argamaniiru.

Walitti qabaan boordii waldaa misooma Qabeenaa obbo Kamaal Sulxaan akka ibsanitti, jiddugaleessi aadaa kun aadaa, seenaa fi afaan sablammii qabeenaa tursiisuuf qooda olaanaa qabaata.

Jiddugaleessi kun godambaa, mana kitaabaa fi galma walgahii akka qabu ibsanii, dhaloonni hambaalee duudhaalee turan akka beeku kan dandeessisu kan qabate ta’uu dubbataniiru.

Waldaan misoomaa kun hojiiwwan hawaasa fayyadamaa taasisuu dandeessisan mootummaan wal ta’ee hojjechaa akka jiru eeranii, fuuldura karoora tarsiimawaa hojiiwwan misoomaa addaddaa hojjechuuf dandeessisu baasuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015