Naannoo Harariitti bara bajataa baatii 10 keessatti galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabame

150

Caamsaa 26/2015(TOI) - Naannoo Harariitti bara bajataa baatii 10 keessatti madda galiiwwan addaddaarraa galiin birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabamuusaa biiroon galiiwwanii naannichaa beeksise.

Itti gaafatamaan biirichaa obbo Baqqalaa Tamasgeen TOI’f akka ibsanitti, hojii misoomaa naannichatti karoorfame milkeessuuf sirna galiin itti sassaabamu gama ammayyeessuutiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Biiroon kun karoora misoomaa milkeessuuf keessumaa kenniinsa tajaajilaa gabbisuu fi hojmaatilee teeknooloojiin deeggaraman mijeessuun sirna galiin itti sassaabamu guddisuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru.

Naannichatti bara bajataa baatii 10 keessatti taaksii kallattii fi al-kallattii akkasumas taaksiin kan walhinqabannee fi tajaajila mana qopheessaarraa galiin birriin biiliyoona 1 tuqaa 2 ol sassaabameera.

Kunis raawwiinsaa karooraa ol akka ta’ee fi yeroo walfakkaataa waggaa darbee waliin walbiratti yemmuu ilaalamu caalmaa dhibbantaa 44 tuqaa 6 akka qabu dubbataniiru.

Hojiiwwan kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun, naga’ee kutuurratti hojiin to’annoo fi hordoffiin cimaan taasifamuusaa, kafaltiiwwan kuufaman sassaabamuusaanii fi lakkoofsi daldaltoota daldala seera qabeessaatti dhufan dabaluusaatiin galiin kun caalmaa agarsiisuusaa ibsaniiru.

Akkasumas naannichatti sosochiin gibiraa mata duree “Guraandhalarraa amma Guraandhalaatti” jedhuun jalqabame daballii galiif gumaacha taasisuu beeksisaniiru.

Galiin sassaabamu gaaffilee misoomaa jiraataa naannichaa deebisuuf hojiiwwan misoomaa hojjetaman deeggaraa jira jedhaniiru.

Yeroo bara bajataa hafetti hojiiwwan galii naannichaa guddisuuf jalqabaman cimanii akka itti fufan obbo Baqqalaan ibsaniiru.

Naannichatti kafalaa gibiraa kan ta’an keessaa tokko kan ta’an obbo Geetaachoo Fiqruu yaada knnaniin, gibirri yoo hinkafalamne misoomni hinjiru jedhan.

Hanqinni gibira kafaluuf biiroon kun fooyya’eetajaajila si’ataa argachaa akka jiran ibsaniiru.

Magaalaa Hararitti hojii Hoteelaarratti kan bobba’an obbo Dassaaleny Asfaawu gibira misooma biyyaa fi ummataaf bu’ura ta’e kafalaan gibiraa hundi kaka’umsaan kafalee dirqamasaa bahuu qaba jedhaniiru.

Naannoo Harariitti kafaltoonni gibiraa kuma 27 ol akka jiran odeeffannoon biiroo galiiwwanii naannichaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015