Magaalaa Cirootti sagantaa carraa hojii uumuu addaatiin dargaggoota kuma 1 fi 400 ol fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira

323

Caamsaa 25/2015(TOI)- Magaalaa Cirootti sagantaa carraa hojii uumuu addaatiin dargaggoota kuma 1 fi 400 ol damee industirii harkaarratti bobbaasuuf hojjechaa akka jiru waajjirri carra hojii uumuu fi dandeettii magaalichaa beekasise.

Waajjirri carraa hojii uumuu fi dandeettii magaalaa Ciroo qooda fudhattoota Waliin mari’ateera.

Dargaggootaaf sagantaan hojii uumuu addaa mijachaa akka jiru marii Kanaan ibsamee, damee industirii harkaatiin dargaggoota magaalaa Ciroo hojii hinqabne kuma 1 fi 412f bakka hojii fi liqii maallaqa hojii adeemsiftuu mijeessuuf hojiin jalqabamuun ibsameera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa adde Zahaaraa Ibraahiim akka ibsanitti, bajanni bara 2015 osoo hinxumuramiin hojii hojjetamuun dargaggoota magaalattii hojii hin qanbe kuma 1 fi 412f carraa mijeessuuf hojjetamaa jira.

Hojiin kun olaantummaan kan hojjetamu tumsa qooda fudhattootaan ta’uu dubbataniiru.

Hojii kana dhugoomsuuf dargaggoota waldaalee 282’n gurmeessuun carraan hojii kan hojjetamu ta’ee kanaafis hojii jalqabsiisuuf birrii miiliyoonA 7 fi lafti heektaarri 2 tuqaa 5 akka kennamuibsaniiru.

Dameen industirii harkaa dargaggoonni hojii hinqabne akka irratti hirmaatan barbaadames hojii suphee, hojii bu’aalee gogaa, uffanna hodhuu fi  uffata dhawuu ta’uu ittigaafatamtuun kun ibsaniiru.

Qaamoleen qooda fudhattoonni hundi haala barbaachisuun hojii hunda bu’a qabeessa taasisuuf qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru.

Hirmaattota qooda fudhattoota marichaa keessaa itti aanaa hojii gaggeessaan mana qopheessaa magaalaa Ciroo obbo Amaddiin Ibroo dargaggoota magaalaa keenyaa hojiiwwan industirii harkaarratti hirmaachisuun carraa bifa magaalaa keenyaa jijjiiruu itti dandeenyudha jedhan.

Magaalattiin humna qabduun carraa dargaggoonni hojii uumanii fayyadamaa ta’an mijeessuun magaalaa nageenyishee eegame uumuun alatti miidhagaa fi hawataa tasisuun akka danda’amu ibsaniiru.

Waldaalee hojii daldalaa hirmaachisuun saffisa hojichaaf faayidaa olaanaa akka qabu eeranii, yeroo karoorfametti xumuramee fayyadamtoota harka galuu akka qabu dubbataniiru.

Hirmaattuun kan biraa itti gaafatamtuun waajjira hojjetaa fi hawaasummaa magaalaa Ciroo adde Faasikaa Isheetuu yaalii lakkoofsa hojii dhabdummaa hir’isuuf taasifamu milkeessuuf rakkoo jiru bu’urarraa qorachuun akka qabu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015