Naannoo Oromiyaatti sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun Industiriiwwan 120 ol deebi’anii hojii jalqabaniiru-Biiroo Invastimantii fi industirii naannichaa

136

Caamsaa 25/2015(TOI)-Naannoo Oromiyaatti industiriiwwan sababa addaddaatiin hojii dhaaban 120 ol sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun deebi’anii hojii jalqabuusaanii biiroon invastimantii fi Industirii naannichaa ibse.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu akka biyyaatti erga jalqabamee waggaa tokkoo asitti industiriiwwan hedduun hojiitti seenuusaanii kan beekamu yemmuu ta’u, industiriiwwan hojii dhaabanii turan kanneen biroos deebi’anii hojii jalqabaniiru.

Industiriiwwanii fi Intarpiraayizootaaf sosochii Kanaan deeggarsi gabbisa dandeettii qindaa’aa, faayinaansii fi dhiheessiin galtee taasifamee dandeettiin omishuuf qaban dabalaa dhufuun nibeekama.

Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun keessumaa huccuu, nyaataa fi nyaataan walqabate, maanuufaakchariingii fi oomishoota industirii bu’aaleen hedduun galmaa’uusaanii ibsaniiru.

Itti gaafatamaan biiroo Invastimantii fi industirii naannoo Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis TOI’f akka ibsanitti, sosochiin kun kaka’umsa industiriiwwan naannichatti argamaniif gumaacha taasiseera.

Sosochiin kun erga hojiirra oolee asitti industiriiwwan oomisha olaanaa akka hinoomishne rakkooleen hudhaa ta’an adda baafamanii furamuusaanii eeraniiru.

Industiriiwwan naannichatti hojii dhaabanii turan 120 ol erga sagantaan Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu hojiirra oolee asitti deebi’anii hojii egaluusaanii dubbataniiru.

Industiriiwwan hojii eegalanis industiriiwwan olaanoo, jiddugaleessaa fi xiqqaa jedhaman akka ta’e eeraniiru.

Kana malees hojii qindoominaan hojjetameen pirojektoonni kuma 2 ol hojii ijaarsaatti akka galan taasifamuu dubbataniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu dandeettii oomishtummaa industiriiwwan naannichaa guddisuusaa eeranii, dandeettii oomishuu jiddugaleessaa dhibbantaa 41 tture gara dhibbantaa 51tti guddisuu eeraniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu sadarkaa biyyaalessaatti Ebla 29 bara 2014 ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin ifoomuunsaa nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015