Woorkishooppiin qooda fudhattootaa odeeffannoo Qonnaamagaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira.

150

Caamsaa 25/2015(TOI)-Sadarkaa biyyaalessaatti Kuusaan odeeffannoo sirna qonnaa ammayyaa diriirsuuf dandeessisu qophaa’aa akka jiru ministeerri qonna beeksise.

De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa akka ibsanitti, qonnarratti jijjiirama qabatamaa fiduuf hohiiwwan hojjetamaa jiran odeeffannoo wayitaawaa qulqullina qabuun deeggaruu qabna.

Damee beelladaa fi qurxummiitiin qofa kuusaan odeeffannoo saddet jiraachuusaanii fi yeroo ammaa dameelee addaddaatiin bittinnaa’anii kan jiran bakka tokkotti fiduun kuusaan odeeffannoo biyyaalessaa dijitaalaa qophaa’aa jira jedhan.

Kuusaa odeeffannoo biyyaalessaa tokko ijaaruun odeeffannoo irra deddeebi’amuu fi qulqullina odeeffannoo eegsisuun Itiyoophiyaan jiddugaleessa sirna odeeffannoo akka qabaattuu kan dandeessisu akkasumas baasii hir’isuun qisaasa beekumsaa, humnaa fi qabeenyaa kan hanbisu ta’uu dubbataniiru.

Kuusaan odeeffannoo biyyaalessaa ijaaramu qindoominaan odeeffannoo walitti qabuu, qooduu fi fayyadamuuf akka dandeessisu dubbataniiru.

Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii tiraanisfrmeeshinii qonnaa doktar Maandafroo Nugusee gamasaaniin odeeffannoon sirna qonnaa amma jiru jijjiiruu fi ammayyeessuuf odeefannoo walitti qabuu fi itti fayyadamuun dijitaalawaa ta’e murteessaadha jedhaniiru.

Kuusaan odeeffannoo biyyaalessaa tokko akka ijaaramu qooda fudhattoonni deeggarsa taasisuun akka irraa eegamu dubbataniiru.

Ministeerri qonnaa, inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa, saayinsiin Hawaa Itiyoophiyaa fi inistiitiyuutiin Ji’oo Ispaashaal, tajaajilli istaastiiksii Itiyoophiyaa fi  inistiitiyuutiin miitiyoorooloojii Itiyoophiyaa odeeffannoo walitti qabuu fi dijitaalaayizeeshiniin woorkisooppii kanarratti waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Woorkishooppiin kun amma boruutti nitura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015