Hojmaanni bittaawwan Kurmaana xumuraatti raawwataman hambisuuf dandeessisuuf waggaa dhufuu jalqabee hojiirra ni’oola

156

Caamsaa 25/2015(TOI)- Hojmaanni bittaawwan Kurmaana xumuraa dhaabbilee mootummaatti raawwataman hambisuuf dandeessisuuf waggaa dhufuu jalqabee guutummaatti hojiirra akka oolu abbaan taayitaa bittaa fi qabeenya mootummaa beeksise.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa bittaa fi qabeenya mootummaa obbo Haajii ibsaa TOI’f akka ibsanitti, bittaaleen dhaabbileen raawwatan irracaalaan kan hinkaroorfamnee fi kurmaata afraffaarratti kan raawwatamanidha.

Bittaawwan kurmaana afraffaatti raawwataman carraan rakkoolee bulchiinsa gaariif saaxilamuuf qaban bal’aa akka ta’ee fi “argannoon odiitarootaa dhibbantaa 90 ta’u bittaa dhaabbileen kurmaana afraffaatti raawwataniin kan walqabatedha” jedhan.

Akka ibsa obbo Hajiitti dhaabbileen maal bituu qabu, yoom bitama, haalli caalbaasii attam ta’a kan jedhanirratti karoorsanii hojjechuurratti hanqinni guddaan akka jiru dubbataniiru.

Leenjiin walqabatees dhaabbileen sagantaa leenjii jalqaba bara bajataa (Adoolessa, Hagayyaa fi Fulbaana ) boqonnaa qophii adeemsisuun  kan irraa eegamu ta’us kun hojiirra oolaa hinjiru jechuun ibsaniiru.

Bajanni biyyattii dhibbantaan 65 bittaaf kan oolu ta’uu eeranii, bajanni kun karoorarratti hundaa’ee sirnaan hojiirra yoo hin oolle miidhaan biyyaa fi ummatarraan gahu guddaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Sirni bittaa dhaabbileen kurmaana afraffaatti raawwatan waggaa dhufuu jalqabee akka hinjiraanne ibsanii, bittaa hinkaroorfamne hambisuuf sirni bittaa mootummaa elektirooniksii murteessaa waan ta’eef bara 2016 dhaabbilee federaalaa hunda keessatti hojiirra ni’oola jedhaniiru.

Amma ammaatti dhaabbileen 74 sirna bittaa elektirooniksii keessa kan gala yemmuu ta’u, dhaabbileen hafan 95 sirna kanatti akka galan qophiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Kanaaf akka gargaaru sirni bittaa mootummaa karaa elektirooniiksiin raawwatamu attamitti hojjeta, maaltu barbaachisa, kan jedhurratti hojjettootaa fi hooggantoota dhaabbileef leenjiin akka kennamu dabalanii beeksisaniiru.

Sirni kun hojiirra wayita oolu dhaabbileen kurmaana arfaffaatti bittaawwan xixiqqaa fi dirqama ta’an qofa akka bitan eeyyamama jedhan.

Yeroo ammaa karaa sirna bittaa elektirooniiksii kanneen meeshaa dhiheessan kuma 15 akka jiran ibsanii, sirni kun waggaa dhufu dhaabbileen federaalaa hundi waan itti seensniif hojiin dhiheessii madaalu hojjetamaa jira jedhan.

Kanaaf akka gargaaru bara 2016 lakkoofsi dhiheessitootaa gara kuma 32tti guddisuuf galmeessuu fi leenjii kennuurratti xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015